Naannoo Harariitti dureeyyii kaappitaala birrii biiliyoona 2 tuqaa 5 ol galmeessisaniif eeyyamni invastimantii kenname. - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Harariitti dureeyyii kaappitaala birrii biiliyoona 2 tuqaa 5 ol galmeessisaniif eeyyamni invastimantii kenname.
Amajji 20/2018(ENA) - Naannoo Harariitti dureeyyii kaappitaala birrii biiliyoona 2 tuqaa 5 ol galmeessisaniif eeyyamni invastimantii kennamuu Biiroon Misooma Intarpiraayizii fi Industirii Naannichaa beeksise.
Hogganaan Biiroo Misooma Intarpiraayizii fi Industirii naannichaa obbo Usmaa’il Yuusuf ENAtti akka himanitti, yaa’insa invastimantii naannichatti dabaluudhaaf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.
Damichaan abbootii qabeenyaa hawachuuf kenniinsa tajaajilaa fooyyessuu, bu’uuraalee misoomaa guutuu fi hojiiwwan biroo hojjetamuu ibsaniiru.
Walakkaa bara baajataa kanaatti abbootii qabenyaa 65 kaappitaala birrii biiliyoona 2 tuqaa 5 ol galmeessaniif eeyyamni invastimantii akka kennames ibsameera.
Dureeyyiin kanneeniif manufakchariingiin, daldalaanii fi damee birootiin eeyyamni kan kennameef ta’uu dubbataniiru.
Pirojektoonni ji’a jaha keessatti eeyyamni kennameef kunneen guutummaan guutuutti hojiitti yeroo galan lammiilee gara kuma 2 ta’aniif carraa hojii akka uumanis eeraniiru.
Waggoota shanan darbanitti naannichatti eeyyama invastimantii fudhatan keessaa yeroo ammaa indaastiriiwwan maanufaakchariingii 26 hojiirra kan jiran yoo ta’u, kunis lammiilee kuma 1 fi 916’f carraa hojii uumeera jedhan.
Waajjirichi pirojektoota invastimantii hordofuu, deeggaruun, to’achuu irratti xiyyeeffachuun tarkaanfii sirreeffamaa fudhachaa akka jirus eeraniiru.
Akka karoora baajata walakkeessa waggaatti pirojektoota 87 irratti hojiin hordoffii, deeggarsaa fi to’annoo kan raawwatame yoo ta’u, isaan keessaa 53 irratti tarkaanfiin sirreeffamaa akka fudhatame himaniiru.
Haaluma kanaan kaayyoo kennemeen ala kan hojjetan pirojektoota 35 irratti akeekkachiifni kan kenname yoo ta’u, 12 irratti dhorka kaa’uun, pirojektoota 6 immoo eeyyamni invastimantii isaanii akka haqame himaniiru.