Tamsaasa Kallatti:

Gaaffii Hawaasaa deebisuuf Ijaarsi Pirojektoota Misoomaa 165 ol gaggeeffamaa jira

Amajjii 20/2018(ENA)- Ijaarsi Pirojektoota Misoomaa 165 ol ta’an Gaaffiiwwan hawaasarraa ka’an deebisuuf dandeessisan hojjetamaa jiraachuu Itti Aanaan Bulchaa Godina Baalee Abiraam Hayilee beeksisan.

Pirojektoota kana keessaa 97 haaraa kan eegalamanii fi kanneen hafan buleeyyii ta’uusaanii ibsaniiru.


 

Pirojektoota ijaaramaa jiran keessaa Bishaan dhugaatii qulqulluu, Daandii, dhaabbilee Fayyaa, Manneen Barnootaa fi bakka Xaa’oon uumamaa itti walnyaachifamu, gamoowwan kenna tajaajilaa dabalatee kanneen biroon akka keessatti argaman eeraniiru.

Hanga ammaatti pirojektoonni 40 xumuramuu ibsuun, kanneen hafan yeroo qabameefiitti xumuruun tajaajilaaf banaa taasisuuf hordoffii taasisaa jirra jedhaniiru.


 

Walii gala ijaarsa Pirojektootaaf hirmaannaa Hawaasaa fi mootummaan birrii biiliyoona 2 tuqaa 7 ramadamuu mirkaneessaniiru.

Itti gaafatamaan Abbaa taayitaa Konistiraakshinii Godinichaa Biiniyaam Gabiramaariyaam, Ijaarsa pirojektoota misoomaa Godinichaa bu’aa qabeessa taasisuuf dhaabbannisaanii diizaayiniirraa eegalee hordoffii akka taasisu beeksisaniiru.


 

Kontiraaktaroota keessaa Injiinar Idiriis Ahimad yaada kennaniin, Godinichatti Aanaa Barbareetti Ijaarsi Hospitaalaa Sadarkaa 2ffaan qulqullinaan ijaaramuun yeroo qabameef keessatti xumuruuf ciminaan hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.


 

Pirojektoota misoomaa godinichatti ijaaramaa jiran keessaa lammiilee hedduuf carraan hojii uumamuusaa ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015