Qonnaan bultoonnii fi horsiisee bultoonni kuma 33 ol misooma nyaata beeyladaa irratti hirmaachaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Qonnaan bultoonnii fi horsiisee bultoonni kuma 33 ol misooma nyaata beeyladaa irratti hirmaachaa jiru
Amajji 20/2018 (ENA) - Qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoonni kuma 33 ol misooma nyaata beeyladaa irratti hirmaachaa akka jiran Hogganaan Itti Aanaa Waajjira Qonnaa Godina Shawaa Bahaa obbo Abinnat Zagayyee ibsaniiru.
Obbo Abinnat ENAtti akka himanitti, marga uumamaa fi hambaa alatti, nyaata beeyladootaa karaa fooyya’aa jallisiitiin misoomsuuf xiyyeeffannoo guddaadhaan hojjetamaa jira.
Bara bajataa kanatti aanaalee 11 keessatti baay’inaa fi qulqullina dhiyeessii nyaata beeyladootaa guddisuuf hojjetamaa jiraachuus beeksisaniiru.
Lafa heektaara kuma 77 fi 561 irratti nyaanni beeyladaa fooyya’aa ta’e kan misoome yoo ta’u, lafa nyaata beeladaan misoomaa jiru irraa nyaata beeladaa goggogaa toonii kuma 203 oomishamuun bu’aan gaarii argamuu ibsaniiru.
Milkaa’ina kanaaf sababni hubannoon qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaa dabaluu, dhiyeessiin galtee fooyya’uu, hojii deeggarsaa fi hordoffii cimsuu irraa kan ka’e ta’uu ibsaniiru.
Naannoo bishaan jallisii qabutti midhaanii fi misooma biroo waliin qindeessuun nyaata beeyladaa isoomsuun waan danda’ameef bu’aa argames olaanaa ta’uu himaniiru.
Misoomni nyaata beeyladaa hanqina marga dheedichaa damdamachuu fi oomishaa fi oomishtummaa beeyladaa guddisuuf gargaaruu akka danda’us hubachiisaniiru.