Naannoo Harariitti bu’aalee damee hundaan galmaa’an itti fufsiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba- Pireesidaanti Ordiin Badirii - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Harariitti bu’aalee damee hundaan galmaa’an itti fufsiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba- Pireesidaanti Ordiin Badirii
Amajji 19/2018(ENA) - Naannoo Harariitti bu’aalee damee hundaan galmaa’an itti fufsiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu Pireesidaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Hararii Ordiin Badirii ibsani.
Manni Maree Biyyaalessaa Naannoo Hararii Yaa’ii idilee 1ffaa marsaa 6ffaa, waggaa 5ffaa guyyaa har’aa gaggeesseera.
Konfiransiin kun hojiiwwan ji’oota jahan darban gama kunuunsa hambaalee fi hojiiwwan guddina afaan Hararii irratti hojiilee hojjetaman karaa waajjiraalee hambaalee aadaa, turizimii fi biiroolee barnootaa naannootiin hojjetaman gamaaggameera.
Obbo Ordiin Badiriin wayita sana akka jedhanitti, dameelee hundaan baatiiwwan jahan darbanitti hojiilee hojjetaman bu’aa qabeessa dha. Naannichatti kunuunsa hambaalee fi afaan Hararii guddisuuf hojiileen hojjetaman kan jajjabeeffamani dha jedhaniiru.
Keesattuu hambaa idil addunyaa kan ta’e Jagool eeganii tursiisuun dhalootaaf dabarsuun kuni hojii bu’a qabeessa ta’uu eeraniiru.
Naannichatti hojiileen misoomaa hojjetamaa jiran kan fayyadamummaa hawaasummaa fi dinagdee kan mirkaneessanii fi lammiileef abdii kan kennan ta’uu ibsaniiru.
Haa ta’u malee hojiilee misoomaa naannichaa gufachiisuuf humnoonni socho’an jiraachuu eeruun, finxaaleyyii kanneen irratti qabsaa’uun hojiilee misoomaa jalqabaman cimsinee itti fufna jedhani.
Kanaafuu hojiilee misoomaa jalqabaman irratti tokkummaa yaadaa fi ilaalchaa dagaagsuunii fi hawaasa hojii misoomaa eegalame irratti abbummaan keessatti hirmaachisuun hojiileen hojjetamaa turan cimanii itti fufuu akka qabanis dubbataniiru.
Waltajjichi dhimmoota adda addaa irratti mari’achuun murteewwan garagaraa dabarsuun xumurameera.