Meeshaaleen Wal’aansaa Ammayyaan Qulqullina Tajaajilaa fooyyessaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Meeshaaleen Wal’aansaa Ammayyaan Qulqullina Tajaajilaa fooyyessaa jiru
Amajjii 19/2018(ENA)- Meeshaaleen wal’aansaa Ammayaa dhaabbilee fayyaaf dhihaatan qulqullina tajaajilaa qabatamaan fooyyessaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksise.
Tajaajilli dhiheessa Qorichaa Itiyoophiyaa Ministeera Fayyaa waliin ta’uun Bulchiinsa Magaalaa Finfinneef, Bulchiinsa Dirree Dawaaf akkasumas Naannoolee garaa garaaf Maashinootaa fi meeshaalee wal’aansaa kenneera.
Wayita sana Maashinoota Laaboraatoorii “CBC” jedhaman 81 dabalatee Meeshaalee wal’aansaa biroo wal harkaa fuudhinsi taasifameera.
Deetaan Ministiraa Fayyaa Fireehiwoot Abbabaa wayita sana, sirna Fayyaa cimaa fi amansiisaa gochuuf hojiiwwan hojjetamaniin bu’aan boonsaan galmaa’eera jedhaniiru.
Maashinoonnii fi Meeshaawwan wal’aansaa har’a wal harkaa fuudhinsi taasifamanis sirna fayyaaf humna dabalataa uumuu kan danda’an ta’uusaanii ibsaniiru.
Du’a Haadholii fi daa’immanii hir’isuuf, dhukkuboota daddarboo fi daddarboo hin taane ittisuuf akkasumas wal’aananii fayyisuuf galteewwan dabalataa ta’usaanii hubachiisaniiru.
Meeshaawwan wal’aansaa kun tajaajila wal’aansaa qulqullinasaa eeggatee fi tajaajila Laaboraatoorii ammayyaa dhaqqabamaa taasisuu kan dandeessisu ta’uusaa beeksisaniiru.
Daarektarri Olaanaan Tajaajila Dhiheessa Dawaa Itiyoophiyaa Doktar Abdulqaadir Galgaloo gamasaaniin, Meeshaaleen wal’aansaa fi Daawwaan dhaqqabamummaa tajaajila Wal’aansaa babal’isuuf hojii hojjetamuun dhaabbilee fayyaaf Meeshaalee wal’aansaa dhiheessaa jira jedhaniiru.
Kanaanis dhaabbatichi dhaabbilee kuma shanii ol waliin walii galtee mallatteessee Meeshaalee wal’aansaa dhiheessaa jira jedhaniiru.
Gama biroon tajaajilichi gara fuuladuraatti dhaabbilee Fayyaa waliin meeshaalee wal’aansaa dabalataa dhiheessuuf waliigaltee mallatteesseera.