Tamsaasa Kallatti:

Buna bakka gahumsa Daawwattotaa gochuuf qindoominaan hojjetamaa jira

Amajjii 19/2018(ENA)- Misooma Bunaa, adeemsa Omishaa fi Sirna danfuusaa qabeenya Tuurizimii biroo waliin wal-qabsiisuun hojiin beeksisuu xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Turiizimii beeksise.

Waltajjiin Marii Tuurizimii Bunaarratti Xiyyeeffate bakka qooda fudhattoonni argamanitti magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jira.


 

Ministeera Tuurizimiitti Dursaan hojii raawwachiisaa Hawataa fi Misooma Turiizimii Muusaa Kadir akka jedhanitti, bakkeewwan gahumsa Tuurizimii hojiin Buna waliin walitti hidhuun hojjetamaa jira.

Itiyoophiyaan bakka argama bunaa ta’uusheen Tuuristoonni daawwannaaf dhufan adeemsa omisha Bunaa akkasumas, dhandhama addaa Buna keenyaa akka dhandhaman gochuu qabna jedhaniiru.

Keessumaa Misooma Bunaa, adeemsa omishaa fi sirna danfisuusaa bakkeewwan gahumsa Tuurizimii waliin wal qabsiisuun galii damichaa guddisuuf tattaaffiin akka taasifamu ibsaniiru.

Omisha Bunaa qulqulluu fi Sadarkaasaa eeggate damee Tuurizimiif Carraa guddaa ta’uu eeruun, hojiin eegalame Bunni Itiyoophiyaa Addunyaarratti beekamuusaa fi barbaadamuusaa dabaluuf ni gargaara jedhaniiru.


 

Itti Aanaan Komishinaraa Komishinii Tururizimii Oromiyaa Naggaa Wadaajoo gamasaaniin, Naannichatti Bunni hedduuminaan kan itti omishamu waan ta’eef Buna damee Tuurizimii waliin walitti hidhuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu beeksisaniiru.

Bunni Sirna Danfisuusaarraa eegalee Xiyyeeffannoo Daawwattootaa kan hawatu waan ta’eef, Carraa kana qabeenyaTuurizimii dabalataa taasisuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Bakkeewwan Hawata Tuurizimii bakka adda addaa jiran daawwatootaaf qulqullina omisha buna keenyaa agarsiisuun akka danda’amu qaamolee qooda fudhattota waliin hojiin qindoominaa ni hojjetama jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015