Magaalaa Baatuu jiraattotaa fi turistootaaf mijattuu taasisuuf hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Magaalaa Baatuu jiraattotaa fi turistootaaf mijattuu taasisuuf hojjetamaa jira
Amajji 19/2018 (ENA)- Magaalaa Baatuu misooma koridaraa Haroo Baatuu waliin walsimsiisuun jiraattotaa fi turistootaaf mijattuu taasisuuf qindoominaan hojjetamaa jira jedhan kantiibaan bulchiinsa magaalichaa Ahmaddiin Ismaa’el.
Pirojektoonni bashannanaa fi misoomaa biroo qarqara haroo Baatuutti haala nageenya harichaa eeguun danda’amuun hojjetamaa jiraachuus himaniiru.
Ilaalcha haroo kanaa bareedina magaalattii waliin simsiisuun amma misoomni koridaraa kiiloo meetira 14 akka hojjetame eeruun, gara fuulduraatti pirojektoonni bu’uuraalee misoomaa adda addaa hojiirra oolan akka jiran hubachiisaniiru.
Daandiiwwan miilaa, biskileetii fi asfaaltii akkasumas bakkeewwan bashannanaa fi wiirtuuwwan paarkii qarqara haroo kanaa irratti ijaaramuu isaaniis ibsaniiru.
Kunis magaalattiin bakka jireenyaaf mijataa fi giddugala turistii taasisuuf kan kaayyeffate dha jedhan.
Gama biraatiin kenniinsi tajaajilaa saffisaa fi bu’a qabeessa akka ta’uuf giddugala tajaajila iddoo tokkoo (Masoob) dabalatee hojiirra oolmaan tajaajila dijitaalaa biroo cimee itti fufuu himaniiru.
Haaluma kanaanis ijaarsi gamoo tajaajila giddu gala iddoo tokkoo (Masoob) eegalchiisuuf xumuramee, misoomni teeknooloojii gaggeeffamaa jiraachuu mirkaneessaniiru.