Tamsaasa Kallatti:

Fedhii Afrikaan Mana Maree Nageenyichaa keessatti teessoo dhaabbataa argachuuf qabdu haqaa waloo seenaa qabeessa kan uumudha - Mahaammud Alii Yusuuf

Amajjii 19/2018(ENA) - Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammud Alii Yusuuf, Afrikaan miseensa dhaabbataa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ta’uuf fedhiin waloo qabdu haqaa fi walqixxummaa seenaa kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru.

Afrikaan jaarraa hedduuf bakka bu’ummaa dhaabbataa qabaachuu dhabuun ishee amanamummaa mana marichaa gaaffii keessa galcha jedhaniiru.

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kaleessa galgala waltajjii falmii uummataa sadarkaa olaanaa taasiseera.

Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammud Alii Yusuuf haasawa wayita sana toora intarneetii irratti taasisaniin, Afrikaa malee qormaanni addunyaa adda bahee furmaata argachuu akka hin dandeenye cimsitee akka amantu himaniiru.

Dura taa’aan kun seerri idil-addunyaa haala hubannoo seenaa wajjin walsimuun hojiirra ooluu akka qabu kan dubbatan yoo ta’u, keessumaa koloneeffannaa fi alseerummaan caasaa xiyyeeffannoo addaa akka barbaadu hubachiisaniiru.

Yusuuf Afrikaan nageenyaaf kutannoo qabatamaa qabaachuu eeruun, gumaacha nagaa eegsisuu, nageenyaaf wareegama kaffaluu, humnaan osoo hin taane ol’aantummaa seeraaf kutannoo qabaachuu ishee, akkasumas nagaa eegsisuu irratti walta’insa cimaa Gamtaan Afrikaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin qabu agarsiiftuu ta’uu dubbataniiru.

Afrikaan nageenyaa fi tasgabbii addunyaa eegsisuuf gumaacha guddaa taasiftus, amma waltajjii addunyaa irratti bakka bu’ummaa amma qabdu keessatti dhimmi alseerumaa rakkoo bu’uuraa ta’ee akka itti fufe dubbataniiru.

Biyyoota 55 fi uummata biliyoona 1 tuqaa 4 kan qabdu Afrikaan, Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii erga hundaa’ee kan waggaa 80 lakkoofsise keessaa teessoo dhaabbataa argachuu dhabuun ishee haqa dhabuu qofa osoo hin taane amanamummaa mana marichaa gaaffii keessa galcha jedhan.

Dura taa’aan kun fedhiin waloo Afrikaa Mana Maree kana keessatti bakka bu’ummaa dhaabbataa mirga guutuu qabaachuudha; kunis walqixxummaa, sirna addunyaa keessatti gahumsaa fi haqa seenaa kan mirkaneessu ta’uu odeeffannoo ENA’n Gamtaa Afrikaa irraa argate ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015