Tamsaasa Kallatti:

Sirni hubannoo namtolcheerratti hundaa’uun yakkoota faayinaansii ittisuuf gargaaru hojjetamuufi

Amajji 19/2018(ENA) - Maallaqa seeraan alaa fi deeggarsa shororkeessummaa maallaqaan taasifamu ittisuuf sirna hubannoo namtolchee (AI)’n hojjetu misoomsuuf waliigalteen mallattaa’eera.

Walii galticha kan mallatteessan daariktara olaanaa Inistitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa doktar Warquu Gaachanaa fi daariktara olaanaa Tajaajila Nageenya Maallaqaa Muluuqan Amaaree dha.


 

Daariktarri olaanaa inistitiyuutichaa doktar Warquu Gaachanaa wayita sana akka jedhanitti, waliigaltichi tattaaffii Kutaan Odeeffannoo Faayinaansii daddabarsa maallaqaa fi faayinaansii shororkeessummaa ittisuuf taasisaa jiru kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Sirnichi hubannoo namtolchee (AI) irratti kan hundaa’e yoo ta’u, yakkoonni walxaxaa ta’an osoo hin raawwatamiin dursa ittisuu fi rakkooleen yeroo uumaman miidhaa guddaa osoo hin qaqqabsiisiin saffisaan furuuf kan dandeessisu ta’uu hubachiisaniiru.

Sirna kana misoomsuuf hojiin haaldureewwanii hojjetamaa akka turan eeruun, hojii sadarkaa idil addunyaa eeggate hojjechuun yeroodhaan dhiyeessuuf qophii ta’uu dubbataniiru.


 

Daariktarri Olaanaa Tajaajila Nageenya Maallaqaa Muluqan Amaaree gama isaaniin, Itiyoophiyaan akka miseensa Waldaa Dhaabbilee Faayinaansii fi Taaski Foorsii Tarkaanfii Faayinaansii Addunyaatti odeeffannoo yakka faayinaansii biyyoota biroo waliin akka wal jijjiirtu ibsaniiru.

Maallaqa seeraan ala argame akka seera qabeessa ta’eetti itti fayyadamuu fi shororkeessummaa maallaqaan deeggaruun yakkoota walxaxaa fi daangaa ce’aa waan ta’aniif deeggarsa teekinooloojii barbaachisa jedhani.

Misoomni sirnichaa yakkoota walxaxaa qolachuuf biyyootaa fi qaamolee seera kabachiisan waliin ta’uun yakka irraa bu’aa argachuun akka hin danda’amne agarsiisuuf kan gargaaru ta’uu eeraniiru.

Itiyoophiyaan sirna maallaqa seeraan alaa argamee akka seera qabeessa ta’eetti itti fayyadamuu, yakkoota maallaqaa deeggarsa shororkeessummaaf oolan ittisuu fi nageenya ishee mirkaneessu misoomsuun ishee, biyyoota Afrikaa hedduuf fakkeenya ta’ee tajaajila jedhani.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015