Tamsaasa Kallatti:

Magalaa Shaaggaritti dargaggonni horsiisa lukkuu irratti waldaan gurmaa’an guyyaatti killee miliyoona tokkoo ol gabaaf dhiyeessaa jiru

Ammjji 19/2018(ENA) -Magaalaa shaggaritti dargaggoonni waldaan gurmaa’anii hojjechaa jiran guyyaatti killee miliyoona tokko ol gabaaf dhiyeessaa akka jiran  dubbatan.

Waldaalee kunneen keessaa Waldaa Shariikaa Badiriyaa, Huseenii fi hiriyyoottanii isaan isa tokkodha.

Miiseensa waldichaa kan ta’an obbo Huseen Aliyyii akka jedhanitti,  kanaan dura hojii dhabeeyyii kan turan yoo ta’u haala mijataa mootummaan qopheesseen lukkuu killee kuma 2 fi 200’n hojiitti galuun bu’aa guddaa argataa jirra jedhaniiru.

Hojii Kanaan namoota lamaaf carraa hojii uumuu isaanii himanii, guyyaatti galii birrii kuma 30 ol argataniirraa qusachuun fuulduraaf caalaatti guddachuuf hojjetaa jirras jedhaniiru.

Misooma Kanaan badhaadhina maatii dhugoomsuurra darbee gabaa tasgabbeessuurratti shoora olaanaa ba’ataa jirra jedhaniiru.

Obbo Habtaamuu Qanaa’aas nama shan ta'uun Waldaan gurmaa’uun hojiitti galaniru.

Hojii kana gara fuula duratti babal’isanii hojjechuuf karoora akka qaban eeranii; Dargaggoonni biroonis haala mijataa mootummaan kallattii kanaan uumee jiru fayyadamuun hoii dhabdummarraa bilisa bahu fi jiruu fi jireenya isaanii fooyyeessuuf hojjechuu qabu jedhaniiru.

Itti gafatamaan Wajjira Qonnaa kutaa magaalaa Furii Obbo Mootummaa Guuttataa akka himanitti, kutaa magaalichaatti misooma qonna magaalaa hojetamaa jiruun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu, eegattummaa jalaa bahu, oomisha gahaa gabaaf dhiheessuu irratti xiyyeeffatamee hojjetama jira.

Kutaa magaalichaatti bara darbee sheediiwwan 400 ol kilaasara misooma beelladaaf ijaaruun dargaggoonni waldaan gurmaa’an akka keessaatti hojjetan taasifamuu himaniiru.

Akkasumas tajaajjilli liqaa fi bakka hojii mijachuu ibsanii, deeggarsaa fi hordoffiin taasifamaa akka jirus eeraniiru.

Inisheetivii misooma beelladaa kanaan lammileen hedduun carraa hojii argachuu himanii, yeroo ammaa oomishaalee gabaaf dhiheessuun hawaasni gatii madaalawaan akka argatu taasisuu danda’aniiru jedhaniiru.

Hogganaan waajjira qonnaa Magaalaa Shaggar Obbo Dajanee Baqqalaa akka jadhanitti,  magaalaa ammayyeessuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojii bal’aan hojjetamaa jira.

Magaalichatti bara 2016 eegalee Inisheetiivii misooma beeladaa dhugoomsuuf sheediwwan kuma 16 ijaaruun lammiilee hojii dhabeeyyii gurmii fi qaxarriin fayyadamaa taasifneerra jedhan.

Bara kanas baatiiwwan 6’n darbanitti sheediwwan kuma 10 fi 350 ijaaruun beelada miiliyoona 4 tuqaa 9 dhiyeessuu himaniiru.

Dameewwan horsiisa lukkuu, horii aannanii, furdisa, horsiisa qurxummii fi misooma dammaarratti dargagoonni hoji dhabeeyyiin hirmaachuun carraa hojii argachuun dinagdee isaanii guddifataa akka jiran beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015