Kantiibaa Adaanach Abeebee mankuusaa kuduraa fi muduraa ammayyaa, galtee beelladaa qabbaneessuu fi gamoo walii galaa hojii eegalchiisan. - ENA Afaan Oromoo
Kantiibaa Adaanach Abeebee mankuusaa kuduraa fi muduraa ammayyaa, galtee beelladaa qabbaneessuu fi gamoo walii galaa hojii eegalchiisan.
Amajjii 19/2018 (ENA)- Kantiibaa Adaanach Abeebee mankuusaa kuduraa fi muduraa ammayyaa, galtee beelladaa qabbaneessuu fi gamoo hunda galeessa hojii eegalchiisaniiru.
Kantiibaa Adaanach Abeebee dabalatee ministirri daldalaa fi walitti hidhaminsa riijinii doktar Kaasahuun Goofee fi hoggantoonni biroon saganticharratti argamaniiru.
Mankuusaan qabbaneessaa fi gamoon hunda galeessi kun lafa karee meetira kuma 11 fi 400 caalu irratti kan hojjetamee fi guddinasaatiin adda duree ta’uun ibsameera.
Haala Kanaan Qisaasamaa fi faalama oomishaan booda uumamu oolchuun, tasgabbii gabaa uumuudhaan akkasumas kuduraa fi muduraa oomishaman akkasumas galteewwan beelladaa qabiyyeesaanii eeganii hawaasa shamataa fi gabaa alaaf akka dhihaatan gochuun faayidaa olaanaa qabu jedhameera.
Dabalataanis hawaasni shamataan oomishoota qonnaa reefuu gatii maluun akka argatu dandeessisuusaanii kantiibaa Adaanach Abeebee ibsaniiru.
Fayyadama qonnaan bulaa mirkaneessuu fi caancala gabaa gabaabsuu keessattis gumaacha guddaa taasisu.
Bulchiinsi Magaalichaa Pirojektiin kun akka dhugoomu qabiyyee barbaachisu dhiheessuudhaan deeggarsa taasise hojiilee birootiinis cimsee akka itti fufu ibsaniiru.
Pirojektichi qulqullinaa fi dandeettii dorgommii oomishaa qonnaatiif barbaachisaa ta’uusaa eeraniiru.
Hooggantoota, ogeeyyotaa fi dhaabbilee pirojektiin faayidaa biyyaalessaa olaanaa qabu kun akka dhugoomu taasisan galateeffataniiru.