Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa qooda adda durummaa damee faayinaansiin qabu akka ba’atu riifoormiin dinagdee gooroo gargaareera-Ministira Ahimad Shidee - ENA Afaan Oromoo
Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa qooda adda durummaa damee faayinaansiin qabu akka ba’atu riifoormiin dinagdee gooroo gargaareera-Ministira Ahimad Shidee
Amajjii 19/2018 (ENA)- Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa qooda adda durummaa damee faayinaansiin qabu akka ba’atu riifoormiin dinagdee gooroo gargaaruusaa Ministirri maallaqaa fi dura taa’aan boordii daarektarootaa Ahimad Shidee ibsan.
Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa mata duree “itti quufinsi keessan milkaa’ina baankii keenyaati” jedhuun sagantaa jalqabsiisa turban tajaajila maamiltootaa gaggeessaa jira.
Obbo Ahimad Shidee wayita kana riifoormiin dinagdee gooroo guddina cimaa mirkaneessaa imala milkaa’inaarra akka jiru ibsanii, kun ammoo dameen faayinaansii jijjiirama qabatamaa akka fidu godhuusaa dubbataniiru.
Haala Kanaan Baankin daldalaa Itiyoophiyaa milkaa’ina olaanaatiin imalaa akka jiru ta’uu eeraniiru.
Riifoormiin dinagdee gooroo, dursaa damee faayinaansii kan ta’e baankiin daldalaa Itiyoophiyaa qooda adda durummaa damichaan qabu akka bahatu gochuusaa hubachiisaniiru.
Yeroo ammaa baankichi maamiltoota miiliyoona 45f tajaajila kennaa akka jiru eeranii, fedhii maamiltootaa qorachuun tajaajiloota haaraa adda addaa hojii eegalchiisaa akka jiru eeraniiru.
Torban maamiltootaa kun maamiltootaa fi hojjettoota isaan tajaajiluuf kabaja addaa qabnu kan itti ibsinudha jedhaniiru.
Bakka bu’aan pirezidaantii baankii daldalaa Itiyoophiyaa Efireem Makuraa gamasaaniin, kallattiin tarsiimoo baankichaa inni ijoon itti quufinsa maamiltootaa akka ta’e ibsaniiru.
Hojmaattonni baankichi baasuu fi murtoon murteessu maamiltoota irratti kan bu’uureffate akka ta’e beeksisaniiru.
Walitti dhufeenyi maamiltoota waliin jiru teeknooloojii fi qabeenya namaa waliin kan walitti hidhate ta’uu itti aanaa pirezidaantii eksiyuutiivii oppireeshinii baankii daldalaa Itiyoophiyaa Fiqrasillaasee Zawudee ibsaniiru.
Baankichi hojii maamiltootarratti xiyyeeffataniin dursaa fi dorgomaa ta’uuf fooyyessa garagaraa gochuusaa dubbataniiru.
Raawwii hojjettootaa madaaluuf hojmaata baankii idil addunyaa fi itti fayyadama teeknooloojiitiitti fayyadamaa jiraachuu kaasaniiru.
Kunuunsi maamiltootaa ogummaa qabsiisuuf leenjiiwwan walitti fufaa kennamaa jiraachuu eeraniiru.
Komiin maamiltoonni dhiheessan yeroo gabaabaatti deebii akka argatan hojmaanni diriirfamuu dubbataniiru.