Bu’aaleen teeknooloojii loltummaa abjuu olaantummaa Itiyoophiyaa bara fagoo dhiheenyatti qabatamaan akka akka milkeessinu kan mirkaneessanidha-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa - ENA Afaan Oromoo
Bu’aaleen teeknooloojii loltummaa abjuu olaantummaa Itiyoophiyaa bara fagoo dhiheenyatti qabatamaan akka akka milkeessinu kan mirkaneessanidha-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Amajjii 19/2019(ENA)- Bu’aaleen teeknooloojii loltummaa eksipoo human qilleensaa Itiyoophiyaa irratti mul’atan abjuu olaantummaa Itiyoophiyaa bara fagoo dhiheenyatti qabatamaan akka akka milkeessinu kan mirkaneessanidha jedhan itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa.
Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa eksipoo humna qilleensaa idil addunyaa daawwataniiru.
Itti aanaan ministira muummee ergaa dabarsaniin imalli waggoota 90 humna qilleensaa Itiyoophiyaa injifannoo fi gootummaan qofa kan daangeffame hin turre, bu’aa kalaqaa fi olaantummaa teeknooloojii illee of keessaa qaba.
Eksipoo human qilleensaa idil addunyaa waajjira muummee human qilleensaatti baname irratti wanti argine kanuma mirkaneessa jedhaniiru.
Bu’aaleen teeknooloojii loltummaa eksipoo kanarratti argine abjuu olaantummaa bara dheeraa dhiheenyatti qabatamaatti akka milkeessinu kan mirkaneessanidha jedhaniiru itti aanaan ministira muummee ergaa dabarsaniin.