Baankiin Addunyaa deeggarsa ajandaa misooma Itiyoophiyaatiif taasisu cimsee itti fufa - Daarektara Maanaajingii Baankichaa Weenchaay Zhaangi - ENA Afaan Oromoo
Baankiin Addunyaa deeggarsa ajandaa misooma Itiyoophiyaatiif taasisu cimsee itti fufa - Daarektara Maanaajingii Baankichaa Weenchaay Zhaangi
Amajji 18/2018(ENA)- Baankiin Addunyaa deeggarsa ajandaa misooma Itiyoophiyaatiif taasisu cimsee itti fufa jedhan Daarektarri Maanaajingii Baankiii Addunyaa Weenchaay Zhaangi.
Ministirri Maallaqaa obbo Ahimad Shidee har’a Daarektara Maaneejingii Baankii Addunyaa Weenchaay Zhaang waliin mari’ataniiru.
Obbo Ahimad Shideen sagantaa fooyya’insa Dinagdee Gooroo mootummaan raawwachaa jiru irratti daarektarichaaf ibsa kennaniiru.
Ibsa isaaniitiinis dinagdee damee dhuunfaan dursamu uumuuf, guddina dinagdee babal’isuuf, dinagdee dijitaalaa fi turiizimii guddisuuf akkasumas Naannoo Daldala Bilisaa Afrikaa (AfCFTA) fi walitti hidhaminsa naannootiin tokkummaa naannichaa fiduuf hojiilee hojjetamaa jiran kan galma taasifate ta’uu bal’inaan ibsaniiru.
Ministirichi dameewwan murteessoo irratti deeggarsa ol’aanaa Baankiin Addunyaa taasisaa jiruuf dinqisiifannaa isaanii ibsaniiru.
Baankichi dhimmoota fooyya’insaa fi misoomaa Itiyoophiyaan dursa kennituuf deeggaruudhaan shoora olaanaa taphachaa jiraachuu isaas eeraniiru.
Gama lamaanuu adeemsa michoomaa tarsiimoo Itiyoophiyaa fi Baankii Addunyaa gidduu jiru kan madaalan yoo ta’u, keessumaa deeggarsa baajataa fi hojiiwwan faayinaansii piroojektootaa galma misooma biyyaalessaa waliin wal-siman irratti xiyyeeffataniiru.
Daarektarri Maanaajingii Baankii Addunyaa Weenchaay Zhaangi gama isaaniin, fooyya’insa Dinagdee Gooroo hojiirra oolchuuf mootummaan Itiyoophiyaa tarkaanfii jajjabaa fudhachaa jiruu fi dhimma jijjiirama liqii irratti fooyya’insa agarsiise dinqisiifataniiru.
Zhaangi qoodinsa faayinaansii biyyaalessaatiin dabatataan, meeshaalee faayinaansii garaa garaa kanneen akka madda guddinaa fi carraalee naannoo fayyadamuun, ajandaa misooma Itiyoophiyaatiif deeggarsa teekinikaa fi faayinaansii taasifamu caalaatti cimsee akka itti fufu odeeffannoon Ministeerri Maallaqaa ENA’f erge ni mul’isa.