Miidhaa cimaa Vaayirasiin Maarbargi lammiilee irraan geessisuuf ture sirna ittisaa dhibee cimaan to’achuun danda’ameera - ENA Afaan Oromoo
Miidhaa cimaa Vaayirasiin Maarbargi lammiilee irraan geessisuuf ture sirna ittisaa dhibee cimaan to’achuun danda’ameera
Amajjii 18/2018(ENA) – Miidhaa cimaa Vaayirasiin Maarbargi lammiilee irraan geessisuuf ture sirna ittisaa dhibee cimaan to’achuun danda’ameera jedhan Ministirri Fayyaa doktar Maqdas Dhaabaa.
Itiyoophiyaan vaayirasii Marbargi ittisuuf deebii qindoominaa fi hatattamaa kenniteen dhabamsiisuu dandeesseetti.
Kanaanis Itiyoophiyaan balaa fayyaa hawaasaa mudate milkaa’inaan ittisuu fi vaayirasii Maarbargi kan baatii Onkoloolessa keessa mudatee ture guutummaatti dhabamsiisuu hordofee sagantaan beekamtii fi galateeffannaa gaggeeffameera.
Saganticharratti Afyaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota ummataa Taaggasaa Caafoo dabalatee Pirezidaantoonni naannoolee, Ministirri Fayya doktar Maqdas Dhaabaa, Ambaasaaddaroonni, qaamoleen tumsitootaa fi keessummoonni waaamichi taasifameef argamaniiru.
Ministirri Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa akka jedhanitti, Itiyoophiyaan muuxannoo fi ogummaa ittisa dhibee irratti qabdutti fayyadamuun weerara vaayirasii Marbargi saffisaan deebii kennuu dandeesseetti.
Haaluma kanaan miidhaa hamaa vaayirasiin Maarbargi lammiilee irra geessisuuf ture sirna ittisaa dhibee cimaan to’achuun danda’ameera jedhan.
Sirni Itiyoophiyaan tamsa’ina vaayirasii Maarbargi to’atte bu’aa qajeelfama saayinsii hojiirra oolchuu fi haala jiru hojiirraa oolchuun ta’uu isaaf agarsiiftuu dha jedhan.
Deebii ariifachiisaa Itiyoophiyaan ittisa dhibee vaayirasii Maarbargi irratti agarsiifte kun biyyoota Afrikaa biroof fakkeenya kan ta’udha kan jedhan ministirri kun, kunis lammiileen imaammata mootummaa irraa kennamuuf fudhachuun hojiirra oolchuu isaaf agarsiiftuu dha jedhan.
Dhaabbileen Federaalaa fi naannoolee akkasumas ogeessonni fayyaa tumsa vaayirasii Maarbargi ittisuu irratti taasisaniif galata galchaniiru.
Gara fuula duraattis dandeettii deebii fayyaa cimaa fi saffisaa Itiyoophiyaan qabdu daran cimsuun qulqullinaa fi sadarkaa tajaajila fayyaa lammiilee fooyyessuuf ciminaan hojjechuu akka itti fufamu mirkaneessaniiru.