Akkaataa vaayirasiin Maarbargi itti to'atame Itiyoophiyaan sirna fayyaa dhibee hatattamaaf hin jilbeeffanne ijaaruu ishee agarsiisa-Af-yaa'ii Taaggasaa Caafoo - ENA Afaan Oromoo
Akkaataa vaayirasiin Maarbargi itti to'atame Itiyoophiyaan sirna fayyaa dhibee hatattamaaf hin jilbeeffanne ijaaruu ishee agarsiisa-Af-yaa'ii Taaggasaa Caafoo
Amajjii 18/ 2018(ENA) - Itiyoophiyaan vaayirasii Maarbargi to’achuu danda’uun ishee dandeettii weerara dhibee tasaa to’achuuf qabdu agarsiisa jedhan Af-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota ummataa Taaggasaa Caafoon.
Itiyoophiyaan vaayirasii Marbargi ittisuuf deebii qindoominaa fi hatattamaa kenniteen guutummaan guutuutti dhabamsiisuu dandeesseetti.
Waltajjii hoggansa deebii balaa tasaa fayyaa hawaasaa Itiyoophiyaa fi labsii to’annoo dhukkuba vaayirasii Maarbargi gaggeeffame irratti sagantaan beekamtii kennuu adeemsifameera.
Af-yaa’ii Taaggasaa Caafoon wayita kana ergaa dabarsaniin, bu’aan vaayirasii Maarbargi to’achuun dhufe hiikaa guddaa qaba jedhan.
Vaayirasicha Iiytoophiyaa keessaa balleessuuf karaan danda’ame milkaa’ina imaammata fayyaa akkasumas kutannoo fi qindoomina hoggansaaf agarsiistuu ta’uu eeranii, imala badhaadhinaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf hojii eegumsa fayyaa lammiileef dursa kennuun hojjetamaa jiraachuu himan.
Hojimaata saayinsawaa hordofuun sirni deebii qindaa’aa itti kenname vaayirasicha Itiyoophiyaa keessaa balleessuu akka dandeessisee fi kunis Itiyoophiyaan sirna fayyaa dhukkuboota tasaa dandamatu ijaaruu ishee kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.
Qaamolee tattaaffii vaayirasicha to’achuu keessatti qooda isaanii bahatan galateeffataniiru.
Bu’aa dinqisiisaa argame itti fufsiisuun hojiin dandeettii sirna fayyaa cimsuu fi ammayyeessuu cimee akka itti fufu hubachiisaniiru.