Tamsaasa Kallatti:

Haalli Itiyoophiyaan vaayirasii Marbargi jalaa bilisa baate agarsiiftuu gahumsa hoggansa cimaa qabaachuu isheef ragaadha

Amajjii 18/2018(ENA)- Haalli Itiyoophiyaan vaayirasii Marbargi jalaa bilisa baate agarsiiftuu gahumsa hoggansa cimaa qabaachuu isheef ragaadha jechuun ibsan Daarektarri Olaanaa Giddugala To’annoo fi Ittisa Dhukkuboota Afrikaa Doktar Jiin Kaaseyaa.

Itiyoophiyaan vaayirasii Marbargi ittisuuf deebii qindoominaa fi hatattamaa kenniteen dhabamsiisuu dandeesseetti.

Kanaanis Itiyoophiyaan balaa fayyaa hawaasaa mudate milkaa’inaan ittisuu fi vaayirasii Maarbargi kan baatii Onkoloolessa keessa mudatee ture guutummaatti dhabamsiisuu hordofee sagantaan beekamtii fi galateeffannaa gaggeeffameera.


 

Saganticharratti Afyaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota ummataa Taaggasaa Caafoo dabalatee, Pirezidaantoonni naannoolee, Ministirri Fayya doktar Maqdas Dhaabaa, Ambaasaaddaroonni, qaamoleen tumsitootaa fi keessummoonni waaamichi taasifameef argamaniiru.

Daarektarri Olaanaa Giddugala To’annoo fi Ittisa Dhukkuboota Afrikaa Doktar Jiin Kaaseyaa wayita sanatti, Itiyoophiyaan dhukkuba vaayirasii Marbargi ittisuuf tarkaanfii cimaa fudhatteetti jedhan.

Kunis bu'aa tajaajila hawaasaa cimaa kennuu isheetiin kan argame yoo ta'u, dandeettii ittisa cimaa qabaachuu ishee kan agarsiisu jedhan.

Haalli Itiyoophiyaan vaayirasii Marbargi jalaa bilisa baate agarsiiftuu gahumsa hooggansa cimaa qabaachuu isheef ragaadha jedhaniiru.

Giddu galichi dhibicha ittisuu fi to’achuuf kan isa dandeessisu galteewwan dhiyeessuun dhukkuba vaayirasii Maarbargi ittisuu fi to’achuuf hojjechaa turuu ibseera.

Giddugalichi hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabu cimsee kan itti fufu ta’uu eeruun, sirna dandeettii Itiyoophiyaan dhibee ofirraa ittisuuf qabdu dinqisiifataniiru.

Itiyoophiyaatti bakka bu’aan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Piroofeesar Firaansis Kaasooloo gama isaaniitiin, Itiyoophiyaan dhibee vaayirasii Marbargi irraa bilisa ta’uun tumsa mootummaa fi hawaasa gidduu jiru kan agarsiisudha jedhan.

Dhukkubni vaayirasii Marbargi addunyaatti saffisaan babal’achaa wayita jiruu Itiyoophiyaan sirna ittisa dhibee iftoomina fi qindoomina qabuun vaayirasicha to’achuu dandeesseetti jedhan.


 

Itiyoophiyaatti hariiroon mootummaa, dhaabbilee fayyaa fi hawaasa gidduu jiru qabatamaan jijjiirama fiduu isaa nutti agarsiisedha jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015