Tamsaasa Kallatti:

Cehumsa dinagdee magariisaa Itiyoophiyaan eegalteef dhiheessiin anniisaa amansiisaan murteessaadha

Amajjii 18/2018(ENA)- Cehumsa dinagdee magariisaa Itiyoophiyaan eegalteef dhiheessiin anniisaa amansiisaanii fi madaalawaan murteessaa ta’uusaa de’eetaan ministira innoveeshinii fi teeknooloojii doktar Baayyisaa Badhaadhaa ibsan.

Teeknooloojiin anniisaa giriidii kibba Chaayinaa fi gareen Edaan elektiroo paawer Itiyoophiyaa wiirtuu teknooloojii magariisaa Afriikaa Bahaa gochuuf kan akeekame tumsa tarsiimawaa hundeessaniiru.

Hojii raawwachiisaan olaanaa kaampaanii teeknooloojii Edaan elektiroo pawer Idriis Adamii fi bakka bu’aan olaanaa teeknooloojii anniisaa giriidii kibba Chaayinaa Zhaa’oo Ziiyii walii mallatteessaniiru.

De’eetaan ministiraa innoveeshinii fi teeknooloojii doktar Baayyisaa Badha
adhaa wayita kana akka jedhanitti, cehumsa dinagdee Itiyoophiyaan bifa ammayyaan eegalteef dhiheessiin anniisaa amansiisaa fi madaalawaan murteessaa ta’uusaa dubbataniiru.

Anniisaan misooma industiriif motora qofa osoo hin taane, ijaarsa Itiyoophiyaa dijitaalaaf bu’ura ta’uu ibsanii, dhiheessii elektirikiin alatti kalaqa babal’isuufis ta’e tajaajila qaqqabamaa taasisuun akka hin danda’amne dubbataniiru.

Kanaaf Itiyoophiyaan toora anniisaa biyyaalessaarratti qofa maxxanuu osoo hin taane sirnoota anniisaa haaromfamaa Miinii Giriidii fi Hayibiriid babal’isuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Kun ammoo kalaqxoota baadiyyaatti argamanii fi hawaasnis walqixa fayyadamaa dijitaalaa akka ta’an kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Tumsi garee Edaan elektiroo paawer teeknooloojii fi anniisaa giriidii kibba Chaayinaa jidduutti hundeeffame teeknooloojiiwwan raabsaa fi kuusaa ammayyaa gara biyyaatti galchuuf ni gargaara jedhaniiru.

Meeshaalee anniisaa furmaataa biyya keessatti suphuu fi oomishuuf dandeettii guddifachuuf akkasumas ogeeyyota Itiyoophiyaa teeknooloojiin leenjisuuf carraa akka uumus ibsaniiru.

Mootummaan Kaampaaniiwwan dandeettii biyya keessaa guddisuuf hojjetaniif deeggarsa barbaachisu ni taasisa jedhaniiru.

Hojii raawwachiisaa olaanaan garee Edaan elektiroo pawer Idriis Adam gamasaaniin, Edaan Paawer guddina anniisaa Itiyoophiyaa keessatti waggoota 20’f deeggarsa taasisaa turuusaa dubbataniiru.

Bakka bu’aan kaampaanii teeknooloojii pawer giriidii kibba Chaayinaa Zhaa’oo Ziiyii akka jedhanitti, tumsi kun teeknooloojii ammayyaa Chaayinaa fedhii Itiyoophiyaa qabatamaa ta’e waliin wal simsiisuuf kan gargaarudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015