Itiyoophiyaan dhukkuba vaayirasii Maarbargi to’achuun guutummaan guutuutti bilisa taateetti - Ministeera Fayyaa - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan dhukkuba vaayirasii Maarbargi to’achuun guutummaan guutuutti bilisa taateetti - Ministeera Fayyaa
Amajjii 18/2018 (ENA) – Itiyoophiyaan haala qindoomina qabuunii fi tooftaa cimaa dhibee ittisuu fayadamuun dhukkuba vaayirasii Maarbargi to’achuun guutummaa guutuutti dhibee sana irraa bilisa ta’uushee Ministeerri Fayyaa beeksise.
Kanaanis Itiyoophiyaan balaa fayyaa hawaasaa mudate milkaa’inaan ittisuu fi vaayirasii Maarbargi kan baatii Onkoloolessa keessa mudatee ture guutummaatti dhabamsiisuu hordofee sagantaan beekamtii fi galateeffannaa gaggeeffameera.
Saganticharratti Afyaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota ummataa Taaggasaa Caafoo dabalatee, Pirezidaantoonni naannoolee, Ministirri Fayya doktar Maqdas Dhaabaa, Ambaasaaddaroonni, qaamoleen tumsitootaa fi keessummoonni waaamichi taasifameef argamaniiru.
Wayita sana deetaan Ministira Fayyaa doktar Darajjee Dhugumaa akka jedhanitti, Itiyoophiyaan sirna fayyaa qindoomina qabu fayyadamuun milkaa’inaan dhibee to’achuu dandeesseetti.
Itiyoophiyaan tooftaa ittisa dhibee qindoominaa fi cimaa ta’e hojiirra oolchuun dhukkuba busaa, weerara COVID-19 fi balaawwan namtolchee fi uumamaa biroo haala bu’a qabeessa ta’een ittisuuf dandeettii cimaa qabdu agarsiifteetti jedhan.
Haaluma kanaan baatii Onkololeessaa keessa Itiyoophiyaatti mudatee kan ture vaayirasii Maarbargi guutuummaan guutuutti to’achuun danda’amuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan carraaqqii waloo fi hojii cimaan dhibee vaayirasii Maarbargi irraa bilisa ta’uu ishee ibsuun, rakkoon yeroo waliin hojjennu irra aanuu hin dandeenye akka hin jirre kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.
Sirna ittisa dhibee qindaa’aa ta’een Itiyoophiyaan amma vaayirasicharraa bilisa waan taateef lammiilee Itiyoophiyaa hundaaf ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.