Tamsaasa Kallatti:

Madin Itiyoophiyaan Machaal waliin taphata

Amajji 18/2018(ENA) - Piriimiyerliigii Itiyoophiyaa torbee 17ffaa oolmaa lammaffaa irratti taphoonni sadii ni taphatamu. Kilabni Madin Itiyoophiyaa Machaal waliin har’a guyyaa keessaa sa’aatii 10tti istaadiyeemi Finfinneetti taphata. Shaampiyoonaan liigii yerichaa Madin Itiyoophiyaan taphoota 16 taphachuun 4 mo'atee, 6 moo'ameera. Taphoota biroo 6 immoo wal qixa bahuun,taphoota 16 keessaa 12 galchuun,galchiin 14 itti lakkaa’ameera.

Madin qabxii 18’n sadarkaa 114 qabateera. Morkataan isaa Machaal taphoota 16 hanga ammaatti taphateen taphoota 7’n mo’atee, taphoota 4’n immoo mo’ameera. Yeroo shan immoo qixa baheera. Galchii 22 lakkoofsisuun, galchiin 13 itti lakkaa’ameera. Machaal qabxii 26’n sadarkaa 5ffaa qabateera.

Madin Itiyoophiyaan taphoota lama booda gara injifannootti deebi'uuf taphaphata. Machaal yoo injifate injifannoo isaa walitti aansuun yeroo sadaffaaf galmeeffata.

Tapha biraatiin immoo Qiddus Goorgisiin Midire Gannat Shiree waliin guyyaa keessaa sa'aatii 7:00tti istaadiyeemii Finfinneetti ni taphata.

Qiddus Goorgis bara kana hanga ammaatti taphoota 16 taphate keessaa 6 yoo injifatu, haaluma walfakkaatuun taphoota 6 immoo mo’atameera. Yeroo 4 immoo walqixa bahuun, galchii 15 galchuun, gooliiwwan 12 keessummeesseera.

Shaampiyoonaa liigii yeroo 16 kan ta'e Qiddus Goorgis qabxii 22’n sadarkaa 8ffaa irra jira.

Morkataan isaa Midire Gannat Shireen taphoota 16 taphatee shan injifateera. Yeroo jaha mo'amee shan qixa ba'eera. Taphoota 16 irratti goolii 16 galchuun, gooliin 13 immoo itti lakkaahameera. Midire Gannat Shireen qabxii 20’n sadarkaa 10 irra jira.

Guyyaa keessaa sa’aatii 10tti Itiyoo Elektirikiin Walaayittaa Diichaa waliin istaadiyeemii Yunivarsiitii Saayinsii fi Teekinooloojii Adaamaatti taphatu. Itiyoo Elektirikiin qabxii 25’n sadarkaa 7ffaa yoo qabatu, Walaayittaa Diichaan immoo qabxii 14’n sadarkaa 19ffaa qabachuun sadarkaa gadi bu’insaa keessa jira.

Torbee 16ffaa irratti Maqalee sabaa’andartaa mo'amuun kan isa mudate Etiyoo Elektirikiin gara injifannootti deebi'uuf kan taphatu dha.

Taphoota liigii 6 darban walitti aansuun injifannoo malee kan ture Walaayittaa Diichaan qabxii sadii yoo argate naannoo gadi bu'iinsaa keessaa bahuu danda’a.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015