Tamsaasa Kallatti:

Gaazzexeessaan  ENA duraanii  kan turan  Dabaalqaw Yirdaaw  du’aan  Addunyaa kanarraa  darban

  Amajjii17/2018(ENA)- Gaazzexeessaan  ENA duraanii  kan turan  Dabaalqaw Yirdaaw  du’aan  Addunyaa kanarraa  darbaniiru.

Gaazzexeessaa Dabaalqaw Yirdaaw Digiriisaanii jalqabaa  Yuunvarsiistii Finfinneetti  Afaanii fi Hog-Barruun,Digiriisaanii lammataa  Qunnamtii Hawaasaa fi Tarsiimoo Koomunukeeshiniin fudhatanii turan.

Seenaan  Gaazzexeessummaasaanii akka ibsutti, Dabaalqaw Yirdaaw   Naannoo Harariitti bakka bu’aa olaanaa ENA ta’uun   eegaluusaanii  seeenaan jireenyasaanii  hubachiisa.

Gaazzexeessaa Dabaalqaw Yirdaaw   gara Waajjira Muummee ENAtti   jijiiramuun sadarkaa Ripporteraatii hanga  Qopheessaatti  tajaajilaniiru.

Gaazzexeessaa Dabaalqaw Yirdaaw hanga Lubbuun darbanitti, Koorporeshinii hojiiwwan Ijaarsaa Itiyoophiyaatti dursaa garee Pirotokollii  ta’uun  tajaajilaa  turaniiru.

Gaazzexeessaa Dabaalqaw Yirdaaw bultoo ijaarrachuun abbaa daa’ima tokko yoo ta’an, dhukkuba tasaa isaan mudateen  Addunyaa kanarraa lubbuun darbaniiru. 

  ENA’n  du’aan lubbuun darbuu Gaazexeessaa    duraanii Dabaalqaw Yirdaaw Gadda itti dhagahame ibsaa, Maatii fi Firoottan isaaniif  jajjabina hawwa.

Sirni Awwaalchaa Gaazexeessaa Dabaalqaw Yirdaaw har’a guyyaa sa’aatii 7:30tti  Bataskaanaa  qulquluu dabiresalaam  mikaa’ela fexiraa Marhaabeeteetti  raawwatameera.

   

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015