Tamsaasa Kallatti:

Naannichatti Sirna kenninsa Tajaajilaa si’ataa diriiree fi  hojiiwwan misoomaa hojjetamaniin  fayyadamummaan hawaasichaa guddachaa jira 

Amajjii17/2018(ENA)- Sirni kenninsa tajaajilaa Si’ataan Naannoo Harariitti diriirfamanii fi hojiiwwan misoomaa fayyadamummaa hawaasichaa  guddisaa  jiraachuu jiraattonni  dubbatan.

Hojiiwwan misoomaa fi kenna tajaajilaa Hawaasichaa qindoominaan hojjiirra oolchuun fayyadamummaa hawaasichaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennamuusaa  Bulchaan Naannichaa  Ordiin Badirii dubbataniiru.

Biiroon Paabilik sarvisii fi Qabeenya Namaa Naannoo Hararii dhimma Bulchiinsa gaariirratti Waltajjii marii  Hawaasaa   gaggeesseera.

Hirmaattonni waltajjichaa gamasaaniin, naannichatti hojiiwwan misoomaa fi kenna Tajaajilaa  cimanii akka  ittifufan  gaafataniiru.


 

Hirmaattota waltajjichaa keessaa Obbo Usmaan Yuusuuf akka jedhanitti,  Naannichatti Hawaasa hirmaachisuun  hojiiwwan misoomaa hojjetaman  fayyadamummaa jiraattotaa  guddisaa jiraachu  dubbataniiru.

Magaalichatti hojii misooma koriideraa fi kanneen birooon hojjetaman   gaaffii misoomaa hawaasichaa kan deebisan waan ta’eef  cimanii akka itti fufan  gaafataniiru. 


 

Gaaffii jiraattota magaalichaa kan ture tajaajilli Ibsaa fi Daandii furmaata argateera jechuun Aadde Fantuu Isheetuu  dubbataniiru.

 Magaalittii miidhagsuu fi Daawwattootaa fi jiraattootaafis mijattuu taassisuun   yaa’insi  Tuuristootaa   akka dabaluu gochuun  carraa hojii uumuu fi sochiiwwan  Diinagdeef   haala  mijeessuu shaambal Gaashawuu  Mulaalam ibsaniiru.

 Bu’aan hojii kun qindoomina hawaasa fi mootummaan kan dhufe ta’u ibsuun, kenna tajaajila Geejibaa fi Daldaltoota daballii gatii taassisan  to’achuurratti ciminaan hojjetamuu qaba jechuun gaafataniiru.

Naannichatti hojiin gama Inshuuraansii Fayyaa Hawaasaan hojjetamaa  jiru  harka qal’eeyyii deeggaraa jiraachuu fi rakkoowwan kenna  tajaajila  haqarratti turan dhabamsiifamuunsaa kan jajjabeeffamu ta’uu  Aadde Saaraa Yisaaq ibsaniiru.


 

 Bulchaan Naannichaa Ordiin Badirii gamasaaniin kenna tajaajila hawaasaa, dhaqqabamummaa misoomaa fi   qaala’insa jireenyaa  waliin yaada ka’e karooraan qabamuun deebii akka argatan ni taassifamu jedhaniiru.

Hojiiwwan misoomaa fedhii hawaasaa  bu’uureffatan cimanii akka  ittifufan ibsaniiru.

Qaala’insa Jireenyaa  dhabamsiisuuf  omishtummaa  guddisuu fi   daldaltoota daballii  gatii hinmalle   raawwatan  irratti  tarkaanfiin fudhatamu  cimee akka  itti fufu dubbataniiru.

  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015