Naannoo Oromiyaatti Jireenya Horsiisee bulaa foyyessuuf hojii hojjetameen bu’aan argamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti Jireenya Horsiisee bulaa foyyessuuf hojii hojjetameen bu’aan argamaa jira
Amajjii 17/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti humna Hongee dandamachuu danda’u ijaaruun Jireenya Horsiisee Bulaa foyyessuuf hojii hojjetameen bu’aan gaariin argamaa jiraachuu Biiroon Misooma Jallisii fi Horsiisee bulaa ibse.
Itti Aanaan Hogganaan Biiroo Jallisii fi Horsiisee Bulaa Injiinar Alamuu Raggaasaa akka dubbatanitti, jireenya Horsiisee bulaa fooyyessuuf dhaqqabamummaan dhiheessii Bishaaniif hojjetamaa jira.
Horsiisee bulaan nyaata Beelladaa cinaatti hojii Qonnaarratti hirmaachuun wabii nyaataasaa Mirkaneessuu akka danda’uuf Pirojektii “Finnaa Oromiyaa” jedhu bocee hojiirra oolchaa tureera jedhaniiru.
Pirojektoota Finnaa 73 bara 2014 eegalaman keessaa 37 ijaarsisaanii xumuramee tajaajila kennaa kan jiran yoo ta’u, pirojektoonni hafan immoo ijaarsarra jiru jedhaniiru.
Pirojektota Kanaan hidhawwan Jallisii xixiqqaa fi gidduugaleessi baay’inaan hojjetamaa kan jiran yoo ta’u, Horsiisee bulaan hidhaawwan kana bishaan dhugaatii beelladaa fi Misooma Qonnaaf fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru.
Dabalataanis Hidhawwan xixiqqaa misooma nyaata beelladaaf oolchaa jiraachuun, Qonnaan Bulaan Misooma Beelladaarraa fayyadamaa ta’uu eegaluu dubbataniiru.
Kana qofa osoo hin ta’iin Horsiisee Bulaan sababoota adda addaan bu’uuraalee misoomaan duubatti hafee akka ture ibsuun, hojiin bu’uuraalee misoomaa guutuu bal’inaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Bu’uuraalee misoomaa kannneen akka Daandii, Ibsaa, dhaabbile Fayyaa fi Manneen Barnootaa babal’isuun hojjetamuu ibsuun, kanaanis Horsiisee bulaan humna Hongee dandamachuusaa guddifachuun, omishaataa ta’aa jira jedhaniiru.
Biirichatti Daarektarri Bulchiinsa Kontiraakteraa Injiinar Tamasgeen Rundaasaa gamasaaniin, Naannichatti Bishaan lafa keessaa fi lafaarraa sirnaan fayyadamuun fayyadamummaa Horsiisee bulaa guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Hidhawwan Jallisii Ijaarsarra jiran saffisaan xumuruuf hojiin eegalame cimee itti fufa jedhaniiru.