Humni Qilleensaa Itoophiyaa Asxaa Birmadummaa fi tokkummaa baraa baratti darbedha – Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa - ENA Afaan Oromoo
Humni Qilleensaa Itoophiyaa Asxaa Birmadummaa fi tokkummaa baraa baratti darbedha – Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Amajjii17/2018(ENA)- Humni Qilleensaa Itoophiyaa waggoottan 90f cichoomaan Daangaa qilleensa hin sarbane eeguun seenaa birmadummaa samiirratti barra’e, mallattoo birmadummaa fi tokkummaa baraa baratti ce’e dhajechuun Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan.
Humna qilleensaa Itiyoophiyaaf samiin daangaa isatti ta’ee hin beku, Ashaaraa gootummaasaa kan itti mul’isu, gahumsa isaa kan itti madaaluu fi Dirree taphaa birmadummaa biyyaa kan itti labsudha jedhan Itti Aanaan Ministira Muummee ergaa fuula miidiyaa Hawaasummaasaaniin dabarsaniin.
Qajeelfamsaa “Samiin kan keenyadha” jedhuun waggaa 90ffaa labseera.
Sagaltamni lakkoosaan oli kan jennu sababa malee miti.