Tamsaasa Kallatti:

Walmorkiin seenaa qabeessii Arsenaalii fi Maanchistar Yuunayitid Hawwiin eegamu  har’a galgala  gaggeeffama

Amajjii17/2018(ENA)- Taphni Piriimar Liigii Ingiliz  sagantaa torban 23ffaan  Arsenaalii fi Maanchistar Yuunaayitid  har’a gaggeessan Hawwiin eegama.

Taphni Kilaboota lamaanii galgala sa’atii 1:30 Istaadiyeemii Emireetisitti ni  gaggeeffama.

Arsenaal tapha liigichatti gaggeesseen yeroo15n yoo injifatu,yeroo2 mo’ameera.  Yeroo 5n qixaan adda baheera.

Taphichaan Arsenaal galchiiwwan40 yoo lakkoofsisu galchiiwwan14 keessummeesseera.

Lenjisaan Lammii Ispeen waggaa 43 kan ta’e Maayikil Arteettaan  kan durfamu Arsenaal   qabxii 50n sadarkaa 1ffaarratti argama.

Morkataansa Maanchistar Yuunaayited bara dorgommichaatti taphoota gaggeessee 22n  yeroo 9 yoo injifatu  yeroo 5n mo’ameera.

Taphoota hafan biroo 8n  qabxii qooddateera.

Morkataansa Maanchistar Yuunaayited galchii 38 yoo lakkoofsisu  galchii 32 keessummeesseera. 

Leenjisaa Lammii Ingiliz Waggaa 44n  kan ta’e  Maayikil Kaarikiin  kan leenji’u  Maanchistar Yuunaayitid  qabxii 35n  sadarkaa 5ffaarra jira.

Kilaboonni lamaan  morkiiwwan  hundaan  kan walitti dhufan kan ammaa  yeroo 246ffaa dha.

Turtii ammaan dura yeroo 245n walitti dhufanitti  Maanchistar Yuunaayitid   yeroo 99 injifateera.

Arsenaal Yeroo  91 yoo  injifatu  yeroo 55n  qixaan adda  baheera.

Piriimar liigichatti  yeroo 66 taphateera. 

Maanchistar Yuunaayitid  yeroo 25n yoo injifatu Arsenaal  yeroo  23 injifateera.

Yeroo  18 qixaan adda baheera.

Taphoota liigichaa shanan darbanitti  Arsenaal yeroo 4 yoo injifatu  yeroo tokko qabxii qooddateera.

Yuunaayitid Liigichatte  yeroo dhumaaf Arsenaaliin kan mo’ate A.L.A. Fulbaana 4 bara 2022 yoo ta’u , wayita sana 3 fi 1n injifateera.

Arsenaalii fi Maanchistar Yuunaayitid seenaa Piriimar Liigii Ingilizitti  gariiwwan morkattootaa kan jedhamanidha.

Kilaboonni kunnen yeroo jalqabaaf kan walitti dhufan  A.L.A bara 1894 ture.

Taphichaan gareewwan kunneen  sadii sadiin walqixaan adda  bahaniiru.

Gareewwan kun tapha jalqabaarraa eegalanii walmorkii waggaa 131  waltajjii Awurooppaa fi Ingiliz irratti  gaggeessaniiru.

Arsenaal Waancaa Liigichaa yeroo 13 yoo fudhatu, Maanchistar Yuunayitid yeroo 20 injifachuun olaantummaa qabateera.

Taphichaan Arsenaal taphoota lamaan booda gara injifannootti deebi’uuf,  Yuunayitid Injifannoo darbii Maancisterbooda injifannoo ittifufaa  galmeessisuuf   walmorkii taassifamudha.

Tapha kilaboota lamaanii Hawwiin eegamu Kireeg Paawusan  Abbaaseerummaan gaggeessu.

Sagantaa birootiin  Kiristaal paalaas  Chelsii waliin , Niwuukastil Yuunaayitidii fi  Astonviilaa fi  Bireentifoordi, Nootingam  Foorest guyyaa sa’aatii wal fakkaataa 11:00tti  taphasaanii gaggeessu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015