Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaa fi foramiin dinagdee addunyaa tumsa isaanii cimsuuf mari’atan

Amajjii 16/2018 (ENA)-Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee tumsi Itiyoophiyaa fi foramii dinagdee addunyaa haala cimee itti fufurratti pirezidaantii foramichaa Borgee Birendi waliin mari’ataniiru.

Mariin kun kan gaggeeffame foramii dinagdee addunyaa 2026 Daavoostii gaggeeffame cinaattidha.

Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee marii kanaan riifoormii dinagdee Itiyoophiyaa irratti pirezidaantichaaf ibsaniiru.

Fuulduras biyyoonni lamaan Invastimantii dabalatee tumsa misoomaarratti waliin hojjechuuf walii galuusaanii odeeffannoon ministirri maallaqaa ENA’f erge nimul’isa.


 

Hirmaannaan Itiyoophiyaan foramii dinagdee addunyaa 2026 irratti goote dameelee garagaraatiin bu’a qabeessa ta’ee xumuramuunsaa eerameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015