Oomishaaleen qonnaa gabaan barbaadu baay’inaan oomishamamaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Oomishaaleen qonnaa gabaan barbaadu baay’inaan oomishamamaa jiru
Amajjii 16/2018 (ENA)- Naannoo Oromiyaatti Oomishaaleen qonnaa gabaan barbaadu xiyyeeffatamee oomishamamaa jiraachuu itti aanaan pirezidaantii naannichaa Awwaluu Abdiin dubbatan.
Sagantaan hojiirra oolmaa boqonnaa lammaffaa adeemsa cehumsa qonnaa naannichatti bu’a qabeessa gochuuf akeekame qooda fudhattootaaf beeksisuuf magaalaa Adaamaatti waltajjiin gaggeeffameera.
Obbo Awwaluun waltajjicharratti akka jedhanitti, dame qonnaa ammayyeessuuf tajaajilli teeknooloojii fi ekisteenshinii qindaa’aan qonnaan bulaa bira gahaa jira.
Sagantaan hojiirra oolmaa tiraanisfoormeeshinii qonnaa boqonnaa lammaffaan keessumaa qonnaan bulaan dhiheessii galtee teeknooloojii fi galtee amma barbaadamu akka argatu kan gargaarudha jedhaniiru.