Humni qilleensaa Itiyoophiyaa humna biyyaalessaa kan agarsiisuu fi boona biyyaalessaaf agarsiiftuudha-Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa - ENA Afaan Oromoo
Humni qilleensaa Itiyoophiyaa humna biyyaalessaa kan agarsiisuu fi boona biyyaalessaaf agarsiiftuudha-Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa
Amajjii 16/2018 (ENA)- Humni qilleensaa Itiyoophiyaa humna biyyaalessaa kan agarsiisuu fi boona biyyaalessaaf agarsiiftuu ta’uu ajajaan olaanaa human qilleensaa Itiyoophiyaa Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa ibsan.
Kabajni wagga 90ffaa human qilleensaa Itiyoophiyaa ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad dabalatee keessummoonni olaanaa biyyoota garagaraa bakka argamanitti dammaqinaan gaggeeffamaa jira.
Ayyaana hundeeffamaa kana ilaalchisuun agarsiifni qilleensarraa dinqisiifatamaan “Xuqur Anbassaa” jedhamuun beekamu gaggeeffamaa jira.
Ajajaan olaanaa human qilleensaa Itiyoophiyaa Letemnaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa wayita kana akka dubbatanitti, sagantaan kun kabaja ayyaana wagga 90ffaa qofa osoo hin ta’iin, tajaajila biyyaalessaa cimaa fi agarsiiftuu ga’oomaa wagga sagaltamaati.
Waggoottan 90 darbaniif humni qilleensaa Itiyoophiyaa dahannoo birmadummaa Itiyoophiyaa isa cimaa ta’ee turuusaa ibsaniiru.
Biyyoota Afriikaarraa Itiyoophiyaan humna qilleensaa hundeessuun adda duree ta’uushee, ergamoota nagaa kabachiisuu deeggaruushee fi humnoota faayidaa biyyaalessaashee dura dhaabbachuu barbaadan mogolee kan buufte ta’uu dubbataniiru.
Ayyaanni hundeeffama waggaa 90ffaa fi agarsiifni qilleensarraa Xuqur Anbassaa kun agarsiiftuu boonuu Itiyoophiyaa fi ga’ooma balallii qabatamaan kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru.
Ajajoonni human qilleensaa Afriikaa fi biyyoota garagaraa argamuu isaaniitti kan boonan ta’uu Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa ibsanii, qaamolee milkaa’ina kanaaf deeggarsa taasisan hunda galateeffataniiru.
Agarsiifni qilleensarraa kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa sadarkaa idil addunyaatti kan ijaaru ta’uu eeranii, Kaadhimamtoonni waan abjootan arguuf cimanii akka hojjetan, lammiileenis carraa teeknooloojii egeree biyyasaaniitti akka abdatan kan godhu ta’uu ibsaniiru.
Humni qilleensaa Itiyoophiyaa agarsiiftuu dandeettii biyyaalessaa, biyyi kan itti boonuu fi barbaadamummaa idil addunyaa guddisuuf meeshaa tarsiimawaa ta’uusaas hubachiisaniiru.
"Kan darbetti ni boonna, kan ammaatiin nigaggeeffamna, kan fuulduraa ni bocna” kan jedhan Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa, sagantichi agarsiiftuu cehumnsa industirii fi tumsa waloo ta’uu ibsaniiru.
Dabalataanis ayyaanni kun milkaa’ina bu’ura misoomaa akkasumas agarsiiftuu dandeettii human qilleensaa dhaloota afraffaa fi shanaffaa ta’uu eeraniiru.
Miseensonni human qilleensaa halkan hedduu hirriba malee dabarsanii dandeettii Itiyoophiyaa qabatamaan waan agarsiisaniif galata guddaa qabu jedhaniiru.
Deeggartoonni idil addunyaa sagantaa kanatti hirmaachuunsaanii hariiroo keenya cimsuun tumsa waloo keenya guddisuu fi dandeettii human qilleensaa amansiisaa ta’e ijaatuuf haalli mijataan akka uumamu ibsaniiru.