Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa humnoota Itiyoophiyaa qaanessuu barbaadaniif dawaa amansiisaa ta’uun biyya kan dhaabe dha - Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa humnoota Itiyoophiyaa qaanessuu barbaadaniif dawaa amansiisaa ta’uun biyya kan dhaabe dha - Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Amajji 16/2018(ENA) - Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa humnoota Itiyoophiyaa qaanessuu barbaadaniif dawaa amansiisaa ta’uun biyya kan dhaabe dha jedhani Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad.
Agarsiisni Qilleensaa Leenca Gurraacha waggaa 90ffaa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa bakka Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad argamanitti kabajameera.
Wayita sanatti Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad, humni qilleensichaa waggoota 90 kana keessatti bu’a bahii hedduu dabarsuu eeraniiru.
Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa humnoota Itiyoophiyaa qaanessuu fi weeraruu barbaadaniif dawaa amansiisaa ta’uun biyya kan dhaabe dha jedhani.
Akkasumas, Itiyoophiyaa bira darbee, bara xumura bulchiinsa koloneeffataa, naannoo qilleensaa Taanzaaniyaa kan eege, kan Afrikaanota boonsu dha jedhaniiru. Humni qilleensichaa meeshaalee ammayyaa kan hidhate,gahumsa olaanaa irratti akka argamus ibsaniiru.
Nuti Itiyoophiyaatiin ala haadha hin qabnu kan jedhan ministirri muummee,Itiyoophiyaan haadha keenya bakka bu’insa hin qabne ta’uu hubannee ulfina biyyaaf waliin hojjechuu qabna jedhaniiru.
Humni qilleensaa Itiyoophiyaa waggoota 5’n dhufan keessatti humna amma qabu dachaan dabaluuf ammas xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan.
Itiyoophiyaan bara kana guddina dhibbentaa 10.3 akka galmeessitu raawwiin hojii ji'a ja'aa ni argisiisa jedhan.
Guddinni kun kan argamu immoo dhaabbilee waraanaa fi nageenyaa ciccimoo ijaaruudhaan akka ta’es ibsaniiru.
Itiyoophiyaan biyya kaleessa irra dhaabbatte miti kan jedhan Ministirri Muummee, Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa dandeettii yeroon gaafatu kan gonfate dha jedhani.
Nuti kan namaa hin barbaannu;kan keenyas hin kenninu jedhan. Kan nutti kennames yoo jiraate isaaniif deebisuun keenya hin oolu jedhan.