Tamsaasa Kallatti:

Hayyoonni Biyya Mootummaa cimaa ijaaruu keessatti gahee isaanii daran guddisuutu isaan irraa eegama

Amajjii 16/2018(ENA)- Hayyoonni seenessa waloo bocuun ijaarsa biyya mootummaa cimaa ijaaruu keessatti gahee isaanii guddisuu akka qaban pirezidaantiin Yunivarsiistii Madda Walaabuu doktar Birhaanamasqal Xanaa hubachiisan.

Ijoollota keenyaa biyya fooyyofte dhaalchisuuf hayyoonni seenessa waloo ijaaruu keessatti gahee keenya bahachuu qabna jedhan.

Hayyoonni injinaroota tarsiimoo Itiyoophiyaa boruu bocan ta'uu eeruun, dhaloota bocuu fi hubannoo waloo uumuu keessatti gahee adda duree bahachuu akka qaban dubbataniiru.

Kanaan dura seenessa waloo kan ijaaran laafaa ta’uu isaaniin ijaarsa biyya mootummaa cimaaf gufuu ta’aa turuu eeraniiru.

Hayyoonni dhimma kana irratti callisuun seenaan isaan komata waan ta’eef, hayyoonni sirna baruu fi barsiisuu keessa jiran namuusa barattootaa fi jaalala biyyaa ijaaruu irratti hojjechuu qabu jedhaniiru.

Seenessi waloo sadarkaa gadi aanaa irraa hanga sadarkaa barnoota olaanootti sirna barnootaa keessa galee dhaloonni akka baratu taasifamuu akka qabus eeraniiru.

Hayyoonni dhaloota gidduutti riqicha ta’uun seenessa waloo uumuu akka qaban eeruun, waraqaa qorannoo fi marii adda addummaa gara miidhaginaatti jijjiiran jajjabeessu qopheessuu qabu jedhan.

Seenessa waloo uumuun dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ta’uu hubachuun hayyoonni hunduu damee isaan ilaallatu irratti gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015