Tamsaasa Kallatti:

Bulchiinsichi aadaa hojii jijjiiree hojjechuun damee hundaan bu'aa gaarii galmeessisuu danda'eera - Kantiibaa Adaanach Abeebee

Amajjii 16/2018 (ENA)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee aadaa hojii jijjiiruun halkanii fi guyyaa hojjechuun damee hundaan bu’aa ajaa’ibsiisaa galmeessuu danda’eera jedhani kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee.

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee gamaaggama raawwii karoora hojii mootummaa fi paartii walakkaa waggaa jalqabaa bara 2018 har'a eegaleera.


 

Waltajjicharratti kantiibaa Adaanach Abeebee, Af-yaa'iin Mana Maree Magaalichaa aadde Buzeenaa Alkadir, Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa waajjira Damee Finfinnee obbo Mogos Baalchaa fi qondaaltonni olaanoo biroo argamaniiru.

Baniinsa waltajjichaarratti kantiibaan magaalattii Adaanach Abeebee ji’oota jahan darbanitti pirojektoota damee hundaan karoorfame keessaa giddu galeessaan dhibbeentaa 95 ol xumuramuu ibsaniiru.

Bu’aan kuni argamuu kan danda’eef bulchiinsichi aadaa hojii jijjiiruun halkanii fi guyyaa hojjechuun ta’uu eeraniiru.

Bu’aawwan argamaniif inni ijoon hoggansi sadarkaan jiru qindoominaan waliin hojjechuun, jiraattonnii fi michoonni misoomaa si’oominaan hirmaachuun,akkasumas deeggarsa jiraattonni magaalittii hojiilee misoomaaf taasise ta’uu himaniiru.


 

Bu’aan misoomaa argame qindoomina qaamolee hundaa jiraattota magaalittii fi michoota misoomaa ta’uu eeraniiru.

Waltajjiin kun ji’oota jahan itti aananiif dandeettii fi muuxannoo dabalataa kan itti horannuu fi jiraattota magaalaa keenyaa haala fooyya’anii fi amanamummaa guddaadhaan tajaajiluuf kan itti qophoofnudha jechuun ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015