Tamsaasa Kallatti:

Manchistar Siitiin Woolvis waliin taphata

Amajjii 16/2018 (ENA) – Taphoonni Piriimar Liigii Ingiliiz torbee 23ffaan har’aa eegaluun nigaggeeffamu.

Har’a taphoota shantu taphatama. Galgala sa’aatii 12tti Maanchistar Siitiin istaadiyeemii Itihaaditti Woolvis waliin taphata.

Manchistar Siitiin qabxii 43’n sadarkaa lammaaffaa yoo qabatu,morkataan isaa Woolvis immoo qabxii saddeetiin sadarkaa dhumaa 20ffaa irra jira.

Taphoota Liigii afur taphatameen injifachuu hin dandeenye. Qabxii 12 keessaa sadii qofa argachuu danda'eera.

Faallaa kanaatiin, Woolvis liigii 16 irratti mo'amuun bara kana tapha tokko qofa injifateera.

Maanchistar Siitiin dorgommii waancaa keessa turuuf tapha har'aa irraa qabxii sadii fudhachuu qaba.

Woolvis yoo injifate, naannoo gadi bu'iinsaa keessaa ba'uuf waldhaansoo taasisu keessatti deeggarsa guddaa ta’aafi.

Taphoota birootiin ammoo Boornimaawuz galgala sa'aatii 2:30 irratti istaadiyeemii Vaayitaalitiitti Liivarpuul waliin taphata.

Boornimaawuz qabxii 26’n sadarkaa 16ffaa qabateera. Liivarpuul immoo qabxii 36’n sadarkaa 4ffaa irra jira.

Abbaan istaadiyeemii Boornimaawuz walitti aansuun injifannoo isaa galmeessuuf kan taphatu yoo ta’u, Liivarpuul ammoo qixa afur walitti aansuun taphachuu isaa irraa gara injifannootti deebi’uuf morkii taasisa.

Weestihaam Yunaayitid sa'aatii 9:30tti Saandarlaandi waliin, Fuulhaam Biraayitan waliin haaluma walfakkaatuun Barnileey ammoo sa'aatii 12tti Tootinaam Hootispar waliin taphatu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015