Tamsaasa Kallatti:

Gamtaan hojjennee mul'ata Finfinnee fakkeenya badhaadhinaa taasisuuf qabanne ni mirkaneessina - Kantiibaa Adaanech Abeebee

Amajjii 16/2018(ENA) – Gamtaan hojjennee mul'ata Finfinnee fakkeenya badhaadhinaa taasisuuf qabanne ni mirkaneessina jedhan kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee.

Kantiibaan magaalattii Adaanach Abeebee, ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin, ganama har'aa waltajjiin madaallii imala hojii magaalattii ji'oota jahaaf gaggeeffamu ifatti eegalamuu isaa hubachiisaniiru.

"Gamaaggama guyyaa sadii kanaan hojiilee ijoo mootummaa fi paartii bara bajataa walakkaa 2018, hoggantoota aanaatii haga magaalaa jiran waliin gadi fageenyaan ni qoranna" jedhaniiru.


 

Baatii jahan darban aadaa hojii halkaanii fi guyyaa hojjechuun uummataa fi tumsitoota misoomaa waliin qindoomuun damee hundaan raawwii %95.3 milkeessuun danda'amuu eeran.

Raawwii gaariin galmaa'us, dhaabbileen karoora qabame bifa walfakkaatuun raawwachuu dhabuun, tajaajila saffisaa fi qulqullina qabu irratti qaawwi jiraachuu, matta'aa gaafachuu, gaarummaan tajaajiluurratti rakkoolee jiran iftoominaan adda baasuun sirriitti akka qoratamus himaniiru.


 

Waltajjiin kun ji’oota jahan itti aananiif dandeettii fi muuxannoo dabalataa kan itti horannuu fi jiraattota magaalaa keenyaa haala fooyya’aanii fi amanamummaa guddaadhaan tajaajiluuf kan itti qophoofnudha jechuun ibsaniiru.

Milkaa’inoota piroojaktoota misoomaaf gumaacha kan taasisan,hoggantoota, hojjettootaa fi michoota misoomaa galateeffateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015