Tamsaasa Kallatti:

Sirni kenniinsa tajaajila si’ataa naannoo Harariitti hojiirra oolaa jira

Amajjii 16/2018 (ENA)- Sirni kenniinsa tajaajila ifaa fi si’ataan naannoo Harariitti hojiirra oolaa jiraachuu bulchaan naannichaa Ordiin Badrii beeksisan.

Biiroon Paabiliik Sarvisii fi qabeenya namaa naanno Hararii bulchiinsa gaarii ilaalchisuun waltajjii ummataa gaggeessaa jira.

Obbo Ordiin Badrii wayita kana dubbii dubbataniin, fedhii tajaajilaa lammiilee irratti bu’uureffachuun sirni kenniinsa tajaajilaa ifaa fi si’ataan hojiirra oolaa akka jiru dubbataniiru.

Iftoomina hojmaataa diriirsuudhaan bu’aa bayii tokko malee ummanni tajaajila barbaadu akka argatu gochuuf tattaaffiin taasifamu cimee akka itti fufu hubachiisaniiru.

Waltajjiin har’aas muuxannoowwan gaarii dameelee tajaajilaa hundarratti argaman bal’isuun hanqinoota mul’atan sirreessuuf kan akeekamedha.

Rakkoolee bulchiinsa gaarii waltajjicharratti kaafaman adda baasuun galtee godhachuun karoora keessa galchuun deebiin qabatamaa akka kennamu eeraniiru.

Hogganaan biiroo paabiliik sarvisii fi qabeenya namaa Joordaan Ishaaq gamasaaniin, hojiilee misoomaa fi kenniinsa tajaajilaarratti bu’aawwan qabatamaan argamaa akka jiran ibsaniiru.

Kutaaleen hawaasaa garagaraa, hooggantoonni naannichaa sadarkaan jiranii fi qooda fudhattoonni biroonii fi qaamoleen qooda fudhttootaa waltajjicharratti hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015