Tamsaasa Kallatti:

Milkaa’ina Mariin Biyyoolessaaf hirmaannaan Lammiilee Cimuu qaba

Amajjii 15/2018(ENA)-Milkaa’ina Mariin Biyyoolessaa Itiyoophiyaa boqonnaa murteessarra gaheef hirmaannaan Hawaasaa Cimuu akka qabu miseensonni mana maree bakka bu’oota uummataa ibsan.

Komishiniin Marii Biyyoolessaa Itiyoophiyaa dhimmoota gurguddoo biyyaarratti waliigaltee biyyaalessaa uumuuf Naannoolee fi Bulchiiinsota Magaalaatti waltajjii hojii Ajandaa walitti qabuu fi hirmaattoota adda baasuu gaggeessuunsaa ni yaadatama.

Naannoo Tigiraayitti hojii Ajandaa walitti qabuu fi hirmaattota adda baasuu hojjechuun yaa’ii marii biyyaalessaa walii galaa gaggeessuuf qophii taasisaa jiraachuu beekseera.

Mana Maree Bakka bu’oota ummataatti Durataa’aan Koreen dhabbataa dhimma Magaalaa, Bu’uuraalee Misoomaa fi Geejibaa Pirofeesar Mahaammad Abdoo akka jedhanitti, Mariin waliigaltee biyyoolessaa uumuuf Ajandaa baay’ee murteessaadha.

Komishiniin Marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa dhimmoota gurguddoo biyyaalessaarratti waliigaltee biyyaalessaa uumuuf boqonnaa marii murteessaarratti akka argamu ibsaniiru.

Komishinichi Ajandaa walitti qabuun, hirmaattota adda baasuu fi galtee walitti qabuurratti marii biyyaalessaa waliigalaa gaggeessuuf haala mijataa uumaa jiraachuusaa dubbataniiru.

Mariin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa waliigaltee biyyaalessaa Uumuun Seenessa hirmaachisaa Ijaaruuf haala mijataa kan uumu carraa gaarii ta’uu ibsaniiru.

Mariin Biyyaalessaa boqonnaa dhumaan waliigaltee biyyaalessaa uumuuf galma murteessaa qabateef hirmaannaan lammii hundaa cimee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru.

Miseensonni Mana maree bakka bu’oota ummataa milkaa’ina adeemsa marii biyyaalessaaf itti gaafatamummaasaa akka bahan mirkaneessaniiru.

Miseensi Mana maree bakka bu’uuta ummataa biroon Musiliimaa Rashiid gamasaaniin, dhimmoota biyyaarratti furmaata waloo barbaaduuf waltajjii mariif dursa kennuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Mariin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Aadaa siyaasaa olaantummaa yaadaa bu’uura godhate ijaaruun waliigaltee biyyaalessaa fulla’aa ijaaruun tokkummaa cimsuuf filannoo gaarii ta’uu ibsaniiru.

Komishiniin Marii biyyaalessaa Ajanda hafan walitti qabuu fi hirmaattota adda baasuun yaa’ii walii galaa gaggeesuuf galtee Ajandaa barbaachisoo adda baasuuf adeemsarra jiraachuu dubbataniiru.

Fuuldurattis akka Miseensa Mana Marichaatti Kaayyoo komishinichaa Milkeessuuf deeggarsa taasisan cimsanii akka itti fufan mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015