Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaatti tajaajilli haqaa si’ataan teeknooloojiin deeggarame kennamaa jira

Amajjii 15/2018 (ENA)- Hojmaanni tajaajila haqaa si’ataan, ifaa fi qaqqabamaa taasisu teeknooloojiidhaan deeggaramee naannoo Oromiyaatti hojiirra oolaa jiraachuu hoogganaan biiroo abbaa alangaa walii galaa naannoo Oromiyaa Guyyoo Waariyoo dubbatan.

Hojmaatilee dijitaalaa haaraa hojiirra oolchuun tajaajila si’ataa kennuu kan  dandeessisu hojmaanni diriirfamuusaa hogganaan kun ibsaniiru.

Haala Kanaan tajaajilamtoonni bu’aa ba’ii malee haqa akka argatan haalli mijachuu fi tajaajila argachuuf harlifannaan ture furamuusaa ENAtti himaniiru.

Galmeewwan himataa gara dijitaalaatti jijjiiruudhaan karaa onlaayinii tajaajila kennuun danda’amuusaa, kanneen raga bahan waajjiraalee haqaa godinaalee, magaalotaa fi aanaaleetti jechasaanii akka kennan  godhamaa jira jedhaniiru.

Haala Kanaan tajaajila haqaa si’ataa iftoomina kan qabuu fi qaqqabamaa taasisuun akka danda’ame ibsanii, cimee akka itti fufus dubbataniiru.

Poolisii fi abbootiin alangaa wal ta’uun hojii galmeewwan qorannoo qulqulleessuu fi himata banuu hojjechaa akka jiran eeraniiru.

Kana hordofuun dandeettiin galmee qulqulleessuu dabalaa dhufuusaa fi dandeettiin badii raawwatameef murtoo kennuu guddachaa jiraachuus beeksisaniiru.

Kenniinsi haqaa fi harkifannaan qaqqabama tajaajilaa fi hanqinni qulqullinaa fooyya’eera jedhan.

Baadiyyaa fi magaalaatti lafa saamame deebisiisuunii fi hojmaata seeraan alaa ittisuudhaan hojiileen bu’a qabeessi raawwatamuu kaasaniiru.

Kaartaawwan lafaa tajaajila garagaraaf ooluuf turan hojiirra akka hin oolle taasifamuu eeraniiru.

#Enaa Afaan Oromoo

#ENA#TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015