Rakkoo Dandamachiisuun Jiruu fi Jireenya Horsiisee Bultootaa Jijjiiruuf Hojjetamaa Jira - ENA Afaan Oromoo
Rakkoo Dandamachiisuun Jiruu fi Jireenya Horsiisee Bultootaa Jijjiiruuf Hojjetamaa Jira
Amajjii 15/2018(ENA) – Rakkoo Dandamachiisuun Jiruu fi Jireenya Horsiisee Bultootaa Jijjiiruuf Hojjetamaa Jiraachuun ibsame.
Biiroon Komunukeeshinii Oromiyaa sagantaa Gumii Balballoomii qopheessuun dhimmoota komii hawaasa ta'an qorachuun qaamolee dhimmi ilaaluun iftoominni akka uumamu taasisaa jira.
Haaluma kanaan guyyaa har'aas dhimma pirojeektii jallisii fi dhimmoota isaaniin walqabatan irratti qorannoo taasisuun Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa afeeruun iftoominni akka uumamu taasiseera.
Qorannoon kunis Godinaalee 17, Magaalota 8 fi aanaalee 112 irratti kan adeemsifame yoo ta'u, qorannoo adeemsifameenis rakkoowwan hanqina hubannoo tarsimoo, hanqina dhiyeessii, harkifannaa pirojeektii fi suphaa iskiimotaa ta'uunis adda ba'eera.
Itti Aanaan Hogganaa Biiroo Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa Injiiner Alamuu Raggaasaa mootummaan jiruu fi jireenya horsiisee bulaa jijjiiruuf akkasumas bu'uuraalee misoomaas waliin ga'uuf hojjechaa jira jedhan.
Oromiyaan Lafa jallisiin misoomuu danda'u hektaara mil. 6 tuqaa 7 akka qabduu fi lageen gurguddoo akka biyyaatti jiran 11 keessaas 7 Oromiyaa keessa jiraachuu eeraniiru.
Horsiisee bultoonnis jallisiitti fayyadamuun galii ofii maddisiisanii humna dandamannaa hongee akka horataniif hojjachaa jiraachuus himaniiru .
Kana milkeessufis Paampiin kuma 100 ta'u qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa biraan ga'uu eeruun, bara kana jallisii ammayyaaa dhibbantaa 2 tuqaa 9 irra jiru gara dhibbantaa 3 tuqaa 1tti ol guddisuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Pirojeektiwwan Finnaa 73 bara 2014 eegalan keessaa 37 xumuramanii tajaajilaa kennaa akka jiran kan ibsan injiinar Alamuun, pirojeektonni 43 ta'anis kan naannoo horsiisee bulaa keessatti hojjetaman ta'uu eeraniiru.
Daariktera bulchiinsa kontiraaktaraa biirichaa kan ta'an injinar Tamasgeen Rundaasaa gama isaaniin bishaan lafarraa fi kan lafa jalaan Oromiyaan badhaatuu akka taatee fi itti fayyadama irratti hanqinni kappitaalaa fi hubannoo jira jedhan.
kontiraaktaroota sirnaan hojjechaa hin jirre walii galteen isaanii addaan cituun tarkaanfiin fudhatamuus ibsaniiru.
Biiroo Qonnaa waliinis qindoominaan hojjechaa jiraachuunis ibsameera.
Hawaasnis mootummaa qofa eeguu dhiisee aadaa hojii jijjiiruun waan danda'uun hojjechuu akka qabus yaadachiisaniiru.