Tamsaasa Kallatti:

Hojiileen misooma Kooriidaraa hambaa idil addunyaa Jagol keessatti hojjetamaa jiran dhaloonni seenaadhaan akka yaadatamu kan taasisanidha- obbo Ordiin Badrii

Amajjii 14/2018(ENA)- Hojiileen misooma Kooriidaraa fi deebisanii misoomsuu hambaa idil addunyaa Jagol keessatti hojjetamaa jiran akkuma abbootii keenyaa dhaloonni seenaadhaan akka yaadatamu kan taasisanidha jedhan bulchaan naannoo Hararii obbo Ordiin Badrii.

Bulchaan kun hojiilee misooma kooriidaraa fi deebisanii misoomsuu hambaa idil addunyaa Jagol keessatti bakkeewwan garagaraatti hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Bulchaan kun wayituma kana akka dubbatanitti, hojiileen misooma kooriidaraa fi deebisanii misoomsuu bu’a qabeessa ta’an keessumaa daandii tokkoffaa, Giidiir Magaalaa, Jagolii fi daandiiwwan gurguddoo biroorratti hojjetamaa jiru.

Daawwannaan kun dub deebiiwwan Kanaan dura kennaman hojiirra ooluusaanii mirkaneessuuf kana akeekame ta’uu eeranii, haala Kanaan hojiileen irra caalaan qulqullina, si’aayinaa fi kalaqa irratti hundaa’uun hojjetamaa akka jiran argineerra  jedhaniiru.

Hojiileen hambaa idil addunyaa Jagol keessatti hojjetamanii fi hojjetamaa jiran hambaa kana balaarraa baraaruun hambaa idil addunyaa ta’ee akka turu taasisuun gamatti akkuma abbootii keenyaa dhaloonni gootummaa biroon akka yaadatamu kan taasisanidha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015