Tumsi siyaasaa dinagdee fi misoomaa Itiyoophiyaa fi Jarman caalaattu cimee itti ni fufaa - ENA Afaan Oromoo
Tumsi siyaasaa dinagdee fi misoomaa Itiyoophiyaa fi Jarman caalaattu cimee itti ni fufaa
Amajjii 14/2018(ENA)- Tumsi siyaasaa, dinagdee fi misoomaa Itiyoophiyaa fi Jarman caalaattu cimee akka itti fufu ministirri dhimma alaa doktar Geediyoon Xiimootiwoos ibsan.
Ministirri dhimma alaa doktar Geediyoon Xiimootiwoos ministira dhimma alaa rippaabiliikii Jarman Jo’an Wadfulni waliin har’a mari’ataniiru.
Ministirri dhimma alaa doktar Geediyoon Xiimootiwoos marii kana ilaalchisuun ibsa kennaniin, Itiyoophiyaa fi Jarman biyyoota tumsa gam-lamee turee fi cimaa qabanidha jedhaniiru.
Barri 2018 bara addaa waggaa 120ffaa hariiroo dippilomaasii itti eegalan kan kabajan ta’uu eeranii, michooma bara dheera biyyoota lamaan jidduu jiru caalaatti guddisuuf walii galteerra gahamuu dubbataniiru.
Walgahiin ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimadii fi Chaansilariin rippaabiliikii Jarman Olaaf Sholzi yaa’ii hoggantoota garee 20 (G-20) cinaatti gaggeessan tumsaa olaanaa fi kaka’umsa uumeera jedhan.
Daawwannaan ministira dhimma alaa Jarman kun agarsiiftuu fedhii kanaa ta’uu eeraniiru.
Hoggantoonni lamaan marii gaggeessaniin mariin siyaasaa gam-lamee fi komishinii ministirootaa waloo hojmaattota gam-lamee turan irra deebiin eegalchiisuuf walii galteerra gahamuu eeraniiru.
Tumsa siyaasaa, dinagdee fi misoomaa biyyoota lamaan jidduu jiru caalaatti cimsuuf marii gaggeessaniin walii galteerra gahamuu yaadachiisaniiru.
Ministirri dhimma alaa rippaabiliikii Jarman Jo’an Wadfuln gamasaaniin, Itiyoophiyaa fi Jarman hariiroo bara dheeraa akka qaban eeranii, Jarman hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabdu caalaatti akka cimsitu mirkaneessaniiru.
Tattaaffii Itiyoophiyaan riijinichatti nagaa fi tasgabbii buusuuf taasiftu ministirichi dinqisiifatanii, ijaarsi buufata xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu dinagdee cimaa ijaaruuf murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Kaampaaniiwwan Jarman ijaarsa kanarratti hirmaachuuf fedhii akka qaban ibsaniiru.
Yeroo jijjiiramaa kanatti hariiroo keenya cimsuu fi eeguu qabna kan jedhan ministirichi, seenaan dippilomaasii waggaa 120 bu’ura cimaa ta’uu ibsaniiru.