Itiyoophiyaan bulchiinsa qabeenya bishaanii fi hojiilee misooma sululssrratti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjechaa jirti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan bulchiinsa qabeenya bishaanii fi hojiilee misooma sululssrratti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjechaa jirti
Amajjii 14/2018(ENA) - Itiyoophiyaan bulchiinsa qabeenya bishaanii fi misooma sululaa irratti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjechaa jiraachuu Ministirri Bishaanii fi Inarjii doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaa ibsan.
Ministeerri Bishaanii fi Inarjii bara baajata bara 2018 gamaaggama raawwii karoora ji'a 6 magaalaa Naqamteetti gaggeessaa jira.
Doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaan wayita sana akka jedhanitti, baroota darbe qabeenya bishaanii haala gaariin misoomsuun itti fayyadamuuf tarkaanfiiwwan fudhataman bu’aa gaarii argamsiisaniiru.
Itiyoophiyaan kan hordoftu itti fayyadamaa fi bulchiinsi qabeenya bishaanii haqa qabeessaa fi madaalawaa ta’een hojii misoomaa saffisiisuu keessattis gahee olaanaa qaba jedhan.
Itiyoophiyaan bulchiinsa qabeenya bishaanii fi misooma bishaan sululaa irratti hojiiwwan bu’a qabeessa qabatamaa hojjetteetti jedhan.
Gama biraatiin ministeerichi misooma bishaan kuufamaa fi fooyya’iinsa jireenyaa naannoo gammoojjiitti hojiiwwan abdachiisaa ta’e hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Qabeenya bishaaniin dabalatatti qabeenya anniisaa sirnaan adda baasuu fi hojiirra oolchuun itti fayyadamuu akka barbaachisu himaniiru.
Waltajjii kana irratti Miseensonni Mana Maree Bakka Bu'oota ummataa, hoggantoonni Biiroo Bishaanii fi Inarjii Mootummaa Federaalaa fi Naannoolee, akkasumas Bulchiinsa magaalota lamaanii hirmaataniiru.