Tamsaasa Kallatti:

Magaalota Itiyoophiyaa Wiirtuu Badhaahinaa gochuun haala mijataa magaalaa uumuuf tattaaffiin taasifamaa jiru bu’aa qabeessa ta’aa jira

Amajjii 14/2018(ENA)- Magaalota Itiyoophiyaa Wiirtuu Badhaahinaa gochuun jiraattotaaf magaalaa mijataa uumuuf tattaaffiin taasifamaa jiru bu’aa qabeessa ta’aa jiraachuu Ministirri Magaalaa fi Bu’uura Misoomaa Caaltuu Saanii ibsan.

Ministirri Magaalaa fi Bu’uura Misoomaa fi Biig wiin Filaantiroop waliigaltee walta’iinsaa mul’ata ijaarsa bu’ura misoomaa Magaalota Itiyoophiyaa fakkeenya Badhaahinaa gochuuf taasifamu deeggaru mallatteesaniiru.

Wayita sana sagantaa galii walitti qabuu Imala Tiraanisfoormeeshinii Magaalota Itoophiyaa saffisiisan ifoomsaniiru.

Wayita sana Ministirri Magaalaa fi Bu’uura Misoomaa Caaltuu Saanii babalachuun magaalota Itiyoophiyaa guddina dinagdee fi carraa hojii uumuuf madda qabeenyaa murteessaaf ta’anii tajaajilaa jiru jedhaniiru.

Sagantaan galii walitti qabuu magaalotaa haaraan bu’uuraalee misoomaa magaalotaa fi tajaajila bu’uuraa humna galii ofiin sirna itti deeggaran akka uumu dubbataniiru.


 

Sadarkaa biyyaatti sirna Bulchiinsa Taaksii qabeenyaa ammayyeessuun humna madda galii magaalotaa kan fooyyeessu kaadastara biyyoolessaa, Liizii lafaa fi hojmaatni taaksii Qabeenyaa uumamuu kaasaniiru.

Liqaan, deeggarsa Mootummaa fi dhuunfaan dameen dhuunfaa ijaarsa bu’uuraalee misoomaa magaalotaa kan deeggaran sirni dhiheessiin faayinaansii diriirfamuu ibsaniiru.

Magaalota Itiyoophiyaa Wiirtuu Badhaahinaa gochuun jiraattotaaf magaalaa mijataa uumuuf carraaqqiin taasifamu ija godhachaa jira kan jedhan ministirri kun,fakkeenya magaalota Afriikaa taasisuuf tattaaffiin taassifamu cimee itti fufa jedhaniiru.

Sagantaa Tiraanisfoormeeshinii galii walitti qabuu magaalota Itiyoophiyaa milkaa’inaan gaggeessuuf Naannoolee fi Bulchiinsota magaalaa waliin dhiheenyaan kan hojjetu gareen teeknikaa akka hundeeffamu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015