Lakkoofsi Dhaabbilee Diinagdee Ce’umsa Caaseffama Dinagdee saffisiisuuf ni gargaara - ENA Afaan Oromoo
Lakkoofsi Dhaabbilee Diinagdee Ce’umsa Caaseffama Dinagdee saffisiisuuf ni gargaara
Amajjii14/2018(ENA)-Lakkoofsi Dhaabbilee Dinagdee Milkaa’inoota damichaan argaman itti fufsiisuu fi ce’umsa Caaseffama Diinagdee saffisiisuuf kan deeggaru ta’uu Tajaajilli Istaatistiksii Itoophiyaa beeksise.
Tajaajilichi ogeessota Lakkoofsa Dhaabbilee Diinagdee marsaa 2ffaa bakkeewwan biyyattii adda addaatti gaggeeffamurratti hirmaataniif Leenjii Ijaarsa dandeettii kennuu eegaleera.
Tajaajilla Istaatistiksii Itoophiyaatti Qindeessaan teeknikaa Lalisaa Bashoo haasaa BaninsaaLeenjicharrattitaassisaniin, lakkoofsi dhaabbilee Diinagdee gaggeeffamuun qaamoleen murtii kennan odeeffannoo qulqullina qabu bu’uura godhatanii kennuuf ni gargaara jedhaniiru.
Lakkoofsichaan Intarpiraayizoonni Olaanoon,Gidduugaleessaa fi xixiqqaan guutuu biyyattii keessatti argaman kan hammataman yoo ta’u, lakkoofsichi magaalota hundatti manaa manatti irra deemuun , baadiyaatti immoo saamuda fudhachuun ni gaggeeffama jedhaniiru.
Lakkoofsi dhaabbilee Diinagdee Milkaa’inoota damichaan argaman ittifufsiisuu fi caaseffama Ce’umsa Diinagdee saffisiisuuf akkasumas yaadawwan imaammata filannoo maddisiisuuf shoora guddaa qabaachuu hubachiisaniiru.
Naannoo Oromiyaarraa Lakkoofsa Dhaabbilee Diinagdeerratti kan hirmaatan Baaleerra, Baalee Bahaa, Arsii Lixaa, Boorana Bahaa akkasumas Nannoo Somaaleerraa godina Liiban keessaa kan dhufan ogeeyyiin damichaa734 tiif leenjiin kan kennamu ta’uu kaasaniiru.
Lakoofsichi Imaammataa fi Tarsiimoowwan damichaan qophaa’aniif galtee sirrii argachuuf akka gargaaru eeruun, hirmaattonni leenjichaas leenjii kennamu sirnaan hordofuun itti gaafatamummaasaanii akka bahan dhaamaniiru.
Hogganaan Waajjira Tajaajila Istaatistiksii Itoophiyaa damee Baalee Gobbaa Shimallis Asaffaa gamasaaniin, leenjichi namoonni Ragaa walitti qaban beekumsa odeeffannoo Amanamaa walitti qabuuf isaan dandeessisu argachuuf ni gargaara jedhaniiru.
Lakkoofsi dhaabbilee Dinagde guutuu biyyattiitti Fulbaana 1 bara 2018 eegalee gaggeffamaa jiraachuun ni beekama.