Itiyoophiyaa fi Beelaarus damee loltummaan waloon hojjechuun akka danda’amu sanada waliigaltee waliif mallatteessani. - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaa fi Beelaarus damee loltummaan waloon hojjechuun akka danda’amu sanada waliigaltee waliif mallatteessani.
Amajjii 14/2018(ENA) - Itiyoophiyaa fi Beelaarus damee loltummaan sanada waliigaltee waloon hojjechuuf isaan dandeesisu waliif mallatteessaniiru.
Waliigalticha Ministirri Ittisaa Injiinar Ayishaa Mohaammadii fi Ministirri Ittisaa Beelaarus Diimitirii Paantas mallatteessaniiru.
Injiinar Ayishaa Mohaammad wayita sana akka jedhanitti, waliigaltichi tattaaffii industirii fi teekinooloojii loltummaa Itiyoophiyaa guddisuu fi meeshaalee loltummaan of danda'uuf taasifamaa jiruuf faayidaa olaanaa qaba.
Itiyoophiyaan wiirtuu Afrikaa ta'uu isheen gabaa fi fayyadamummaa waloo mirkaneessuuf akka gargaarus himaniiru.
Waliigaltichi waliigaltee tarsiimoo hoggantoonni biyyoota lamaanii mallatteessan qabatamaan hojiirra oolchuuf kan dandeessisu ta’uu kan akeekan Ministirri kun, michummaa biyyoota lamaanii yeroo dheeraaf ture kan cimsu ta’uu ibsaniiru.
Dimiitirii Paantas gama isaaniin, simannaa isaaniif taasifame galateeffachuun, biyyoonni lamaan pirojeektota adda addaa waliin hojjechaa akka jiran eeranii, waliigaltichi dameewwan haaraa adda addaa irratti bobba'uuf carraa kan uumu ta'uu ibsan.
Humni Qileensaa Beelaarus ayyaana hundeeffama waggaa 90ffaa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Boru irraa eegalee kabajamu irratti agarsiisa akka dhiyeessuu fi jilli isaaniis akka irratti hirmaatu ibsaniiru.
Akka odeeffannoon Miidiyaa Onlaayinii Raayyaa Ittisaa ENAf erge ibsutti, saganticha irratti hoggantoonni olaanoo Raayyaa Ittisaa, akkasumas hoggantoonni dhaabbilee waraanaa Beelaaruusii fi ogeeyyiin damee kanaa irratti ni hirmaatu.