Hojiirra oolaan hojmaata teeknooloojii dijitaalaa galii fooyya’aa walitti qabuu akka dandeenyu nu gargaareera - ENA Afaan Oromoo
Hojiirra oolaan hojmaata teeknooloojii dijitaalaa galii fooyya’aa walitti qabuu akka dandeenyu nu gargaareera
Amajjii 14/2018(ENA) – Hubannoon namoota gibira kaffalanii guddachuu fi teekinooloojiin dijitaalaa hojiirra ooluun isaa galii fooyya’aa walitti qabuu akka isaan dandeessise Waajjirri Galii Godina Boorana Bahaa beeksise.
Waajjirichatti ogeettii karooraa, hordoffii fi madaallii baajataa aadde Ma’aazaa Alii akka jedhanitti, dandeettii galii walitti qabuu guddisuuf hojiin hubannoo kaffaltoota gibiraa guddisuu irratti xiyyeeffate hojjetamaa tureera.
Galii walitti qabuun teekinooloojii dijitaalaan kan deeggarame ta’uun isaa galii walitti qabame kan guddise ta’uu eeruun, walakkaa bara baajataa kanatti birrii miiliyoona 854 fi kuma 528 ol walitti qabamuu eeraniiru.
Raawwiin isaa kan bara darbee yeroo walfakkaataa waliin walbira qabamee yeroo ilaalamu,birrii miliyoona 341 fi kuma 502’n caalmaa akka qabu ENAtti himaniiru.
Nagallee Booranaatti hojii daldalaa Hoteelaa irratti kan bobba’an aadde Amalawarqi Kifilee akka jedhanitti, murtiin gibiraa madaalawaa ta’e fudhatamuun isaa daldaltoonni gibira isaanii komii malee akka kaffalanii fi lammiileen tajaajila mootummaa guutuu akka argatan taasisuu ibsaniiru.
Daldala shagaxaa irratti kan bobba’an Biiniyaam Tafarraa gama isaaniin, gibira yeroon kaffaluun, seeraa fi sirna kabajuun, dorgommii daldala haqa qabeessa ta’e guddisuun dirqama daldalaa ta’uu dubbataniiru.
Kaffalaan gibiraa kan biraa Birqinash G/Mikaa’el akka ibsanitti misooma biyyaa itti fufsiisuuf lammiin gibira kaffaluuf dirqama itti gaafatamummaa isaanii bahachuun qabu jedhan.
Gibira amanamummaadhaan kaffaluun, hojii alseerummaa dhababsiisuu fi itti gaafatamummaa seera kabachiisuu keenyaa bahachuu qabna jedhaniiru yaada kennitoonni kunniin.