Tamsaasa Kallatti:

Ijaarsi Daandii Baadiyaa Fayyadamummaa Diinagdee Qonnaan Bulaa caalaatti kan mirkaneessudha

Amajjii 14/2018(ENA)-Ijaarsi Daandii Baadiyaa Naannoo Harariitti gaggeeffamaa jiru Fayyadamummaa Diinagdee Qonnaan bulaa caalaatti mirkaneessuuf faayidaa guddaa qabaachuu Itti Aantuun Bulchaa Naannichaa Roozaa Umar ibsan.

Naannoo Harariitti ijaarsii fi suphaan daandii Baadiyaa Magaalaan wal quunnamsiisu KM. 50 hojjetamaa jira.

Itti Aantuun Bulchaa Naannichaa Roozaa Umar ENA’f akka ibsanitti, ijaarsi daandii baadiyaa Qonnaan bulaan omishasaa salphaatti gabaatti akka dhiheeffatu isa gargaara.


 

Fayyadamummaa Diinagdee Qonnaan bulaa caalaatti Mirkaneessuuf shoora olaanaa akka qabaatus eeraniiru.

Naannichatti Misoomsitoonni eeyyama Invastimantii fudhatan hojiisaanii naamusa gaariin gaggeessuu qabu jedhaniiru.

Hojiin Misooma Koriidaraa Magaalichatti hojjetamaa jiran baadiyaa waliin walitti hidhuun araddaawwan baadiyaa Modeela ijaaruuf hojii hojjetamaa jiru akka deeggaru ibsaniiru.

Itti Aanaan Hogganaa Biiroo Daandii fi Misooma Baadiyaa naannichaa Fatihi Tawuufiq gamasaaniin, bara baajataa qabametti bu’uuraaleen misoomaa baadiyaa magaalaan walitti hidhanii fi Jireenya Hawaasichaa fooyyessan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.


 

Ijaarsa Daandii Baadiyaa Haarawaa dabalatee buleeyyii fooyyessuu fi yeroo qabameef keessatti qulqullinaan akka xumuramuuf deeggarsii fi hordoffiin taassifamaa jiraachuu kaasaniiru.

Jiraattonni Naannichaa gamasaaniin, Ijaarsi Daandichaa Faayidaa hedduu akka isaaniif kennu ibsuun, deeggarsa barbaachisaa akka taasisan mirkaneessaniiru.


 

Namoota yaada kennan keessaa Jiraataan Aanaa Dirree Xiyyaaraa ganda siigichaa Hasan Yuusfee, Omishasaanii Magaalatti geessanii gurgurachuun faayidaa fooya’aa argachuuf ijaarsi daandii murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Fu’aad Muussaa gamasaaniin, dandiin ammaan dura ture dhiphaa fi konkolaataaf mijataa kan hin turre ta’uu kaasuun daandiin haaraan ijaaramaa jiru rakkoo kana furuun imala konkolaataa kan saffisiisudha jedhaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015