Tamsaasa Kallatti:

Dhaabbilee daldalaa kuma 133 ol daldala seeraan alaa irratti bobba’an irratti tarkaanfiin fudhatameera

Amajjii 14/2018(ENA) – Bara bajataa 2018 baatii jaha keessatti dhaabbilee daldalaa kuma 133 ol daldala seeraan alaa irratti bobba’an irratti tarkaanfiin fudhatamuu Minitirri Daldalaa fi walitti Hidhminsa riijinii doktar Kaasahuun Gofee ibsan.

Gamaaggama raawwii hojii walakkaa waggaa 2018 fi konfiraansiin damee sektaraa Magaalaa Daseetti gaggeeffamaa jira.


 

Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhaminsa riijinii doktar Kaasahuun Goofee wayita sana akka jedhanitti, dhaabbanni isaanii gabaa tasgabbeessuu, daldala seeraan alaa to’achuu, daldala al-ergii guddisuuf ji’oota jahan darbanitti ciminaan hojjechaa akka ture ibsaniiru.

Gabaa tasgabbeessuuf giddugala gabaa babal’isuu fi sadarkaa isaanii fooyyessuuf hojiin hojjetame bu’aa qabatamaa argamsiisuu dubbataniiru.

Kunis baasii jireenyaa fi qaala'insi jireenyaa gara dijiitii tokkootti gadi bu'uu isaa kan agarsiisu tokko ta'uu ibsaniiru.

Akkasumas daldala seeraan alaa to’achuuf tarkaanfiileen garagaraa fudhatamuu eeruun, dhaabbilee daldalaa kuma 133 ol daldala seeraan alaa irratti bobba’an irratti tarkaanfiin fudhatamuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Biyyattii keessatti sirna daldalaa fayya qabeessa ta’e uumuun badhaadhina waliigalaa mirkaneessuuf tattaaffiin taasifamu cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru.

Daldala al-ergii haala mijeessuun hojiilee hojjetameen ji’oota jahan darbanitti oomishaalee al-ergii irraa galiin doolaara biiliyoona 5 tuqaa 1 ol argamuu isaas eeraniiru.


 

Sadarkaa itti aanaa pirezidaantii bulchiinsa mootummaa naannoo Amaaraatti, itti aanaa itti Gaafatamaa Qindeessaan Damee Misooma Magaalaa Naannichaa doktar Ahmaddiin Mahaammad gama isaaniitiin, hojii daldala seeraan alaa to’achuu fi gabaa naannichaa tasgabbeessuuf hojjetameen bu’aan gaarii argamaniiru jedhan.

Bu’uuraalee misooma gabaa ammayyaa hunda galeessa ta’e ijaaruun, sirna daldalaa bu’a qabeessa ta’e uumuuf hojiin eegalame cimee itti fufuus mirkaneessaniiru.

Hirmaattota waltajjicharratti hirmaatan keessaa Hogganaan Biiroo Daldalaa fi Misooma Gabaa Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa doktar Baayyush Tasfaayee akka jedhanitti, naannichatti gabaa tasgabbeessuu fi dorgommii daldalaa fayya qabeessa ta’e uumuuf hojiiwwan qabatamaan hojjetaman jiraachuu himaniiru.

Waltajjicharratti hoggantoonni, qooda fudhattoonni dhaabbilee federaalaa fi naannoolee irraa hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015