Tamsaasa Kallatti:

Manni marichaa labsiiwwan biyyoota jidduutti warra murtoo argatan waliif dabarsuu fi dhimma yakkaa dabarsanii kennuu raggaase

Amajjii 14 /2018(ENA)- Manni maree bakka bu’oota ummataa labsiiwwan biyyoota jidduutti warra murtoo argatan waliif dabarsuu fi dhimma yakkaa dabarsanii kennuu raggaaseera.

Manni maree bakka bu’oota ummataa 6ffaan walgahii idilee 9ffaa gaggeesseera.

Walgahii idilee Kanaan mootummoota Itiyoophiyaa fi rippaabiliikii ummataa Chaayinaa akkasumas rippaabiliikii federaalawaa Biraazil  jidduutti walii galteen warra murtoo argatan walii dabarsuu taasifamuunsaa ibsameera.

Walii galteen namoota yakkaan barbaadaman dabarsanii kennuu mootummoota rippaabiliikii federaalawaa demokiraatawaa Itiyoophiyaa fi rippaabiliikii Afriikaa kibbaa jidduutti taasifamuunsaa himameera.

Haala Kanaan mootummaan Itiyoophiyaa akkaataa walii galtee taasifameetiin wixinee labsii warra murtoon kennameef waliif dabarsuu fi dhimma yakkaa dabarsanii kennuuf bahe ilaalee sagalee caalmaan raggaaseera.

Labsiiwwan kunneen haala kanneen murtoo argatan ittiin sirreeffaman caalaatti bu’a qabeessa gochuun Itiyoophiyaan hariiroo daldalaa, Invastimantii fi dippilomaasii cimsuuf akka gargaaru ibsameera.

Dabalataanis Wixinee labsii walii galtee liqii pirojektii dhiheessii meeshaa wal’aansaa boqonnaa-2 mootummaa Itiyoophiyaa fi baankii alergii fi alaa galchuu Kooriyaa jidduutti raawwachiisuuf oolu irratti mari’ateera.

Wixineewwan fooyyessa labsii sekuriitii aviyeeshinii Itiyoophiyaa, misoomaa fi bulchiinsa Ispoortii  federaalaa akkasumas waldaa hojii gamtaarratti dhihaatan ilaalee koreewwan dhaabbataa dhimmi ilaaluuf qajeelcheera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015