Gabaa tas-gabbeessuuf Giddu galawwan daldalaa babal’isuu fi sadarkaasaa fooyyessuun hojjetamaa jira- Doktar Kaasahuun Goofee - ENA Afaan Oromoo
Gabaa tas-gabbeessuuf Giddu galawwan daldalaa babal’isuu fi sadarkaasaa fooyyessuun hojjetamaa jira- Doktar Kaasahuun Goofee
Amajjii 14/2018(ENA)-Gabaa tasgabbeessuu fi Daldala Seeraan Alaa to’achuuf giddu galawwan gabaa babal’isuurra darbee hojiin sadarkaasaanii fooyyessuu hojjetamaa jiraachuu Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhaminsa Riijinii Doktar Kaasahuun Gofee ibsan.
Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhaminsa Riijinii Doktar Kaasahuun Gofee ENA’f akka ibsanitti, Ministeerichi gabaa tasgabbeessuu fi Gidduugalawwan gabaa sochii daldala seeraan Alaa to’achuuf gargaaran babal’isuurra darbee hojiin sadarkaasaanii foyyeessuu guutuu biyyattiitti hojjetamaa jira.
Ammaan dura gidduugalli gabaa hanga Hawaasichi barbaaduun waan hin babal’anneef omishawwan Qonnaa fi Industirii gatii madaalawaan shammatuuf haalli mijataan akka hin turre himaniiru.
Waggoottan dhihoo asitti rakkicha hiikuun gabaa tas-gabbeessuuf hojii hojjetameen sadarkaa biyyoolessaatti giduugalawwan Gabaa Sanbataa kuma 1 fi 900 ol dhaabuun danda’amuu ibsaniiru.
Rakkoowwan sirna daldalaa keesaa turan hiikuu fi gidduugalawwan gabaa babal’isuurra darbee sadarkaasaanii fooyyessuuf hojiiwwan adda addaa hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Gidduugalawwan gabaa sirna daldalaa fayyaa qabeessa saffisiisuu fi gabaa tasgabbeessuuf qoodnisaanii olaanaa ta’uu kan ibsan Ministirri kun, hojiin giddu galawwan kana bu’uuraalee misoomaan cimsuu eegalamuu dubbataniiru.
Kunis Naannoolee fi Bulchiinsota Magaalaatti omishawwan Hawaasaaf gatii Madaalawaan dhiheessuun danda’amuu hubachiisaniiru.
Kana cinaattis qaamolee daballii gatii hin malle taassisanii hawaasa rakkoof saaxilan seeraan akka gaafataman gochuun cimee itti fufuu Ministirri Doktar Kaasahuun Gofee beeksisaniiru.
Hojii to’anno fi kannen kana fakkaatan hojjetamaniin qaala’insi gabaa dhibbantaa 9 tuqaa 7n hir’achuu danda’amuu eeruun, hojiicha cimsuun xiyyeeffannoo addaan akka hojjetamuus ibsaniiru.