Baayer Muunik Shaampiyoonsi Liigichaan mo’atanii darbuutti makameera - ENA Afaan Oromoo
Baayer Muunik Shaampiyoonsi Liigichaan mo’atanii darbuutti makameera
Amajjii 14/2018(ENA)-Sagantaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan Baayeer Muunik, Yuuniyeen Seeyinti Jilwaan 2 fi 0n injifateera.
Tapha Galgala Istaadiyeemii Aliiyaanzi Areenaatti gaggeeffameen Harii Keen taphaa fi rukkuttaa adabbiin galchii injifannoo lakkoofsiseera.
Shaampiyoonsi Liigichatti Harii Keen baay’inni galchii lakkoofsise 7 ga’eera.
Bara dorgommii kanatti dorgommiiwwan hundatti galchiiwwan lakkoofsise gara 34tti ol guddiseera.
Taphataan Baayer Muuniik Miin-Jee Kiim daqiiqaa 63ffaa irratti kaardii keelloo lama erga fudhatee booda kaardii diimaan dirreetii baheera. Bu’aa kana hordofee Baayer Muunik qabxii 18’n Arsenaalitti aanee kilabii 2ffaa mo’atanii darbuutti darbe ta’eera.
Gareen Beeljiyeem Yuuniyeen Seeyinti Giiliwaa qabxii 6’n sadarkaa 31ffaa irra jira.
Taphoota biroon Liivarpuul Maarseyiin 3 fi 0n injifateera.
Doominiik Siboozilaay, Kodii Gaappikoo fi karra eegaan Marseeyi Jeerooniimoo Ruulii ofirratti galchii lakkoofsiseera.
Liivarpuul qabxi 15’n sadarkaa 15ffaa yoo qabatu, Marseey qabxii 9’n sadarkaa 19ffaa qabateera.
Cheelsiin Paafoosin galchii Bemooses Keeyisdo galcheen 1 fi 0n injifateera.
Baarseloonaan Dirreesaan alatti Silaaviyaa Piraagiin 4 fi 2’n injifateera. Fermaan Loopeez galchii 2 yoo lakkoofsisu, Daanii Olmoo fi Rooberti Lewandoskii galchiiwwan hafan lakkoofsisaniiru.
Vaasiil Kuseejii fi taphataan Baarseloonaa Rooberti Lewaandooskii Saliiviyaa Piraag ofirratti galchiiwwan lakkoofsisaniiru.
Niwuukastil Yuunaayitid goolii Aroon wiisaa, Antoonii Gordanii fi Harvii Baarniis galchanii PSV Ayindihoveniin 3 fi 0’n injifateera.
Juuventus Benefiikaan 2 fi 0’n, Atileetikoon Bilbaa’oo Atilaantaan 3 fi 2’n injifateera.
Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa sagantaan dhumaa torban itti aanu gaggeeffama.