Tamsaasa Kallatti:

Inistiitiyuutichi dhiyeessii nyaata beeyladaa guddisuun oomishtummaa damichaa guddisuuf hojiilee qorannoo eegale daran cimsuu qaba.

Amajjii 13/2018(ENA) -Inistiitiyuutii Baayoo fi Teeknooloojii Haaraa rakkoo hanqina nyaata loonii furuufi oomishtummaa damee horsiisa beeyladaafi qurxummii guddisuuf hojii qorannoo eegale caalaatti cimsuun akka barbaachisu Koreen Dhaabbii Dhimma Qabeenya Humna Namaa, Ramaddii Hojii fi Teeknooloojii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa ibse.


 

Hoggantoonnii fi miseensonni koree kanaa pirojektoota qorannoo inistiitiyuutichaa Adaamaa yeroo daawwatanitti Pirezidaantiin Koree Dhaabbichaa doktar Nagarii Leencoo qorannoo inistiitiyuutichi rakkoolee hawaasaa furuu taasisaa jiru dinqisiifataniiru.

Keessattuu balfa gogaa gara nyaata lukkuufi qurxummiitti jijjiiruun teeknooloojii haaraa hojiirra oolchuun isaa fakkeenya gaarii ta’uu kan ibsan, dargaggoonniifi qonnaan bultoonni magaalaa fi baadiyyaa keessatti horsiisa lukkuu fi qurxummii irratti bobba’an salphaatti galtee nyaataa diinagdee isaanii akka qopheeffatan deggaruu keessatti gaheen inistiitiyuutichaa murteessaa akka ta’e himaniiru.

Nyaata beeyladaa biyya keessatti oomishuun sharafa alaa qusachuun oomishaa fi oomishtummaa beeyladaa guddisuuf murteessaa ta’uu himuun, hojii qorannoo kana caalaatti cimsanii akka itti fufanis hubachiisaniiru.

Qorataan inistiitiyuutichaa doktar Fireewu Taaffasaa gama isaaniin, ji’oota saddeet darbanitti pirojektiin “Nabsaat” jedhamu balfa gara xaa’oo uumamaafi faayidaa biroo kennutti jijjiiru bocuun bu’aa gaariin akka galmaa’e himaniiru.


 

Yeroo ammaa kanas torbanitti nyaata lukkuu kuntaala 10 oomishuun Adaamaa keessatti bakka agarsiisaa fi leenjii horsiisa lukkuu jalqabuu isaanii himaniiru. Dabalataanis haftee oomishaa irraa nyaata lukkuu qopheessuu fi fayyadamtoota biraan ga’uuf hojii bal’aa hojjechaa akka jiranis ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015